“Waggoota Jahan Darbanitti Hojiin Tajaajila Lammummaa Birrii  biiliyoona 600 olitti tilmaamamu hojjetame”-BKO

Date:

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 13,2017-Aadaa fi duudhaa uummanni Oromoo sirna Gadaa isaatiin gabbifatetti fayyadamuun ummanni naannichaa yeroo, humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya qabuun naannoo isaa bilisaan akka tajaajilu, jaalala Saba fi biyya isaatiif qabu akka dabalu, ilaalcha Abbaa biyyummaa isaa akka gabbifatuu fi ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa akka bahu gochuuf Labsii Lakk. 219/2011, Adoolessa 8, bara 2011 Caffeef dhiyaatee ragga’ee akka bahu gochuun bara 2012 irraa eegalee hojii keessa galameera.

Haaluma kanaan waggoota jahan darban sadarkaa Naannoo Oromiyaatti hojii hojjetameen bu’aawwan jajjaboo kan galmaa’an ta’uu, Itti Aanaa Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Itti Gaafatamaa Damee Tajaajila Lammummaa Dr. Mohaammadnaasir Abbaajamaal himaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa tarsiimoo mandhalee bocee hojiirra oolchuun uummanni akka ittiin geggeeffamu taasisuu isaatiin aadaafi duudhaa dagatamee turetti deebi’uun tajaajila lammummaatiin misooma waloo isaa akka gaggeeffatu ta’aa jiraachuu dubbatu.

Waggoota jahan darbanittis hojiiwwan gama hawaas dinagdeetiin hojjetamaniin hawaasni sadarkaan jiru fayyadamaa ta’eera.

Bu’uuruma kanaan dhaloota ofitti amanamummaafi dorgomaa ta’e horachuuf hojii hojjetamaa jiru milkeessuuf waggoottan jahan darbanitti manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 17 ol, daree dabalataa kuma 84 oliifi manneen jireenyaa barsiistootaa kuma 34 ol ijaaramuu ibsaniiru.

Daandii cirrachaa 5,413km, suuphaa, 16,517 km akkasumas riqaalee aadaa kuma 15 ol hirmaannaa uummataatin hojjetamuus eerameera.

Aadaa wal bira dhaabbachuu Oromoon qabutti deebi’uun hojii hojjetameen manneen harka qalleeyyii kuma 306 ol ijaaruun rakkoo keessaa akka bahan taasifameera.

Bara kanas gosoota hojii 58’n hojii tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 300 olitti tilmaamamu hojjechuuf karoorfamee hanga ammaatti hojii qarshii biliyoona 275 olitti tilmaamamu hojjetamuu Dr Mohaammadnaasir dubbataniiru.

Kanaanis maatiin harka qalleeyyii hedduu qorra, aaduufi rooba jalaa baraaruun danda’ameera jedhan, Gama biraatiin sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin gama tajaajila lammummaatiin hojjetame bu’aan qabatamaafi abdachiisaa kan irraa argameedha.

Hojiin tajaajila lammummaa labsiidhaan erga hojiirra ooluu eegale hojii qarshii biliyoona 600 olitti tilmaamamu kan hojjetame ta’uu kan dubbatan Dr Mohammadnaasir kun ammoo qaawwa baajata Mootummaan qabu duuchaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummanni hojii tajaajila lammummaa keessatti hirmaachuu aadaa isaa taasisuun eeggattummaa malee yeroo, humna, beekumsa, ogummaa fi qabeenya qabuun qooda isaa bahachuu kan eegale ta’uus dubbataniiru.BKO

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...