Home Ispoortii Waancaa gurra babal’aa Chaampiyoonsi liigii Awurooppaa fudhachuuf kilaboonni afur walitti hafaniiru.

Waancaa gurra babal’aa Chaampiyoonsi liigii Awurooppaa fudhachuuf kilaboonni afur walitti hafaniiru.

0

‘OBN Cyber Media’ Ebla 21,2017-Arsenaal, PSG, Baarseloonaafi Intar Miilaan keessaa kan injifate marsaa xumuraatti fulla’a.

Kilabiin morkii xumuraatiin milkaa’e seenaan isaa bara baraan himamaafi. Sababiin isaas waancaan guddaan sadarkaa kilaboota ardichaatti maqaa guddaa qabu Chaampiyoonsi liigii Awurooppaati.

Arsenaal xumuraaf gahee Baarseloonaan mo’amuun waancaa kana erga dhabee waggoonni 19 lakkaa’amaniiru.

Morkataan isaa PSG’n immoo Baayer Muunikin mo’amuun waancaa malee gara qe’eetti erga deebi’ee reefu waggaa shan guute.

Arsenaal bara kana hanga sadarkaa kanaa ni imala jedhamee tilmaama jabaa argachuu baatus raajii amanuuf nama rakkisu hojjateera.Tapha dhaqaa galaan Riyaal Maadriid injifachuun hanga waancaatti imaluuf onnateera.

PSG’n mallaqa miiliyoonotaan lakkaa’amu jijjiirraa taphattootatti kan dhangalaasaa jiruuf karoorri isaa inni guddaan waancaa kana argachuudha.

Ta’us kana dura Zilaataan Ibraahimooviichii hanga Edisan Kaavaanii, Liyooneel Meesii hanga Neymaar Juuniyeer, sanarra darbees hanga Kiiliyaan Imbaappeetti dabaree dabareen ifaajanis fedhii kilabichaa guutuu hin dandeenye.

Tuujaaronni Kaataar waan qaban kilaba kanaaf oolchuuf boodatti jedhanii hin beekani. Mallaqni gurgurtaa boba’aarraa argamu yoo bu’aa buuseef baruma kana.

Maqaa masoo “The Gunners” kan moggaafate Arsenaal erga dhaloota Teerii Heneriin booda amma caalaatti abdii qaba.

Erga hundaa’ee jaarraa tokkoo ol kan darbe Arsenaal waggoota 118 guuteera. Kan isa waliin morkachuuf qophaa’aa jiru PSG’n hundeeffamnisaa reefu waggoota 54 guuta.

Morkiin tujaaroota Kaataar warra PSG fi Ameerikaa warra Arsenaal har’a  galgala Landanitti taphatama.Boonjee Dagaagaan

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version