‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 22,2017-Gootichi Adwaa Fiitawuraarii Gabayyoo Gaboo Gurmuu eenyu?
Waraanni Adwaa ALI bara 1888 Itiyoophiyaafi Itilii gidduuttti raawwatame. Wayita sanatti Mootiin Minilik diina biyya weeraruuf dhufe ofirraa deebisuuf uummatatti labsii labse.
Ummanni Itiyoophiyaas kallattii hundarraa gara Adwaatti akka duuluuf labsii simachuun kan deeman keessaa Janaraalli [ajajaan waraanaa] Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuu isaan tokko.
‘Seenaafi eenyummaa Oromoo’ kitaaba jedhu kan Dr.Kabajaa Taabor Waamii bareessanirratti ’Waraanni Adwaa dursummaa Ajajaa walii galaa waraanaa Fitawaarii Gabayyoo Gurmuun eegalame.
Waraana Adwaa tokko jechuun kan eegale Gabayyoo Gurmuuti” Waraana Adiifi Gurraacha wal falmisiise. Loltoota Itilii meeshaalee waranaa ammayyaa hidhatan fuuldura meeshaalee waraanaa aadaafi dulloomoo qabachuun dhaabbatan.
Waraanni Itiyoophiyaa Guraandhala 23,1888 ganama ture. Waraanichis ganama keessaa sa’aatii 11:30 irratti eegale.Fiitawaraarii Gabayyoon waraana kanarratti fuulaa fuulatti ajajaa waraana Itilii Janaraal Albertoonii jedhamu waliin kokkeetti akka walqabantu barreeffame.
Waraana kanarrattis Gabayyoo Gaboo Gurmuu waraanasaaniirraa adda bahanii goraadeesaanii luqqifatanii waraana ho’aa… abidda keessa darbatamanii seenuun morma diinaa kutaa lafatti darbataa turanis jedhama.
Miiltoosaa Qanyaazmaach Taaffasaa waliin dhaadachaa waraana walakkaa seenuun morma diinaa akka bisingaatti ciran. Cinaasaaniin waraanni Mootii Mikaa’eliifi Dajjaazmaach Daangulwaan tureef kallattii hundaan garee diinaa daaraa godhan.
Diinnis harka kennachuu eegale. Lolli Gabayyoo Gaboo Gurmuufi waahillansaanii itti cimnaan waraanni Itilii kaan harka kennaa baayyeewwan ammoo hallayyaatti gad nammee salphaa mitis jedhama.
Gabayyoo Gurmuu waraana Adwaarratti hirmaachuu cinatti gareen waraana biyyaa onnee akka godhatu gumaacha olaanaa akka bahatantu himamaafi. Isaanis “wayita waraanaa dhahameen kanan kufe karaa dugdakoo yoo ta’e utuun baqadhuuti, allaattiin na haa nyaattu achumatti na dhiisaa.
Addakoo yoon dhahame garuu biyya abbaa kootti kabajaan na awwaalaa” jedhanii dubbachuusaanii galmeen seenaa katabeera.
Jeneraal Gabayyoo Gurmuu Adwaatti wareegaman. Du’a Gabayyoo Gurmuu kan dhagahan Atse Minilik, biyya oolchee Gabayyoommoo dhabe akka jedhan himama.
Kana hordofees walaloon gootummaa ‘Gabayyoo Simoot Tetekkaa Baalchaa Medfi Aggelaabaac Bichaa-lee-bichaa’ jechuunis walaleessaniiru.
Kunis gara Afaan Oromootti yeroo hiikamu, Gabayyoonis du’u Baalchaan bakka bu’eera, Inni qofaasaa madfii gaggaragachuun diina hunkuteesseera’ akka jechuuti. Gabayyoon waraana Itilii waliin raawwatame hundarratti goota maqaa qabu turan.
Dawoo waraanaa Ambaalaagee cabsuun Waraana Itiliirratti ijifannoo jalqabaa kan galmeessan Gabayyoo Gurmuuti. Wayita sana gaazexota Firaansiin Gooticha Itiyoophiyaa Ambaalaagee jechuun akka leellisan Tekiletsaadiq Makuriyaa barreesseera.
Waraana Maqaleerrattis hirmaatanii gootummaan lolaa akka turaniifi achirrattis harkisaanii madaa’ee akka ture himama.
Waraanichaan dura Raas Mokonniin waa’ee araaraa osoo isaan dubbachaa jiranii Gabayyoon waraana gaggeessanii waan isaan rakkisaniif akka hin waraanneef hidhanii akka turan, dhumarratti akka hin waraanne waadaa galchisiisanii akka hiikantu himama.
Booda wayita waraanni eegalu injifannoo boonsaa kan galmeessan Gabayyoo Gaboo Gurmuuti. Yeroo sanas akkas jedhameefii ture’ Fiitawuraarii Goraawu Gabayyoo Allaagee Barruu Laay maaldoo Biigexmaachewu Lemisaa saayi dersuu qursi argachewu (balbala Allaagee irratti ganamaan argamee morkee laaqanaaf osoo hin ga’iin ciree isaan godhe jechuudha.
Seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessattis dhimmi Adwaa gahee olaanaa qaba. Waa’ee Gabayyoo Gaboo Qondaalli waraanaa Itilii Jovaanii Teedoonii namni jedhamu Booji’amee hanga Finfinneetti dhufee yaadannoo inni barreesse akkas jedha: Waraana ‘Beebiyaan Kiniinaa Beemaazetoo’ hogganuun waraanni Itiyoophiyaa duubatti siqan argee Gabayyoon Sodaattota akkamitti baqattu?
Ani akkanitti du’u dhaqaatii mootichatti himaa’ jechuun fardasaa alangeen rukkutaa gulufsiisaa rasaasa Madfii keessa gale jechuun gootummaa Gabayyoo dhugaa ba’eefiira.
Hayyuun Seenaa Pirofeesar Tasammaa Taa’aas, waraana Itiyoophiyaan Adwaarratti Itilii itti injifatterratti qoodni Goototaafi Fardeen Oromoo olaanaa akka ture raga seenaan deeggaruun dhugoomaniiru.
Akka fakkeenyaattis goota kana maqaa kaasu. Waa’ee Goota ija barbadaa eenyurraa hin seessine Gabayyoo Gaboo Gurmuu Tekile Tsaadiiq Makuraa barreesseen, “Waraanichi haala cimaarra ture; hammaatees itti fufe. Waraanni gara Shawaatti lubbuun deebi’e haala du’aatiikoo haa dubbatu” jedhee utaalee waraana walakkaa bu’ee jedha.
Osoo waraanarra jiruu rukkutamee kufes jedha. Loltoonni Itilii waliin kufanii reeffasaa kabajanii dhumarratti injifannoon kan Itiyoophiyaa ta’e.
Gabayyoo Gaboon erga kufee loltoota Itiyoophiyaa birootti xiiqii uumee hunduu utaalee abidda rasaasa madfiifi qawweetti utaaluun diina kaan ajjeessuun kan harkaan qabuun booji’an.
Ajajaan waraanaa Gabayyoon, wayita Shawaarraa gara Adwaatti duulan waa dhaammatanii turan sana osoon baqadhuu duubarraan yoon rukkutamee kufe allaattiin na haanyaatu, ani akka abbootakoo miti waan ta’eef kabaji naaf hin malu; utuun walmorkuu yoon kufe garuu reenfakoo/lafee bakka dhalootakoo geessaa jedhe jedhama.
Akka jedhames ta’e, Gootni waan dubbate jiraata inni jedhamus dhugoome. Du’aatiin Gabayyoos Minilikitti himame.
Minilikis dhaga’ee akka bo’e eerameera.Reeffasaas Mana kuusa meeshaasaanii keessa kaa’an Bariisaa Adwaa Sillaaseetti akka awwalamu godhan. Awwaalasaaniirrattis mallattoon godhame.
Reeffi Gabayyoos Adwaa sillaaseetii Saanduqa keessa taa’ee Aduwaatii hanga bakka dhalootaasaaniitti ummati hiriira bahe deeggarsa isaa qabu mul’iseera; Miniliki hiriirasanarratti argamuun dhaamsa dabarseera.
“Ilmikoo tajaajilaakoo amanamaa, gootakoo jechuun imimmaan buusanii akka boo’aniifi haasaa akka taasisanis eerameera. Ati waadaakee akkuma eegde anis waadaakoo eegeera” dubbii jedhus dubbatan. Angoololaa Kidaane Mirat reeffasaarratti bocamee akka jiru eerameera.
Ajajaan waraanaa Gabayyoo Gurmuu Kutaa biyyaa Shawaa naannoo Angoolelaa jedhamutti dhalatan.
Gooti kun biyya ofiif dhiigasaanii kan dhangalaasan lafeesaanii kan cabsan goota dursaa waraanaa turan.
Birmadummaa biyyaa eeguu keessatti Ilmaan Oromoo adda duree akka turan, seenaa Fiitawuraarii Gabayyoorraa hubachuun ni danda’ama. Gootummaa kanneen akka Gabayyoo Gaboon Itiyoophiyaan warra adii Awurooppaa injifachuun addunyaarratti haasa’ame.
Fiitawaraarii Gabayyoo Gurmuu goota akkaan beekamaa ta’uu Goota akka Gabayyoo Meeshaa akka ‘Gobez Ayyehu’ jedhameefii waltajjiirratti ittiin dhaadatamaa ture. Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuu addunyaarratti jajame. Sababiin isaas gootni du’us hojiin gootaa darbee waan jajamuufi.
Gooti gaafa du’u gooti akka bakka bu’u Dajjaazmach Baalchaa Saafootu mirkaneesse. Injifannoon gootota akkasiin kan argame ta’uu addunyaa guutuun dhugaa ba’e.
Injifannichi warra gurraachotaaf onnee gootummaa, warra adiif ammoo waaroo salphinaafi qaanii itti uuffise.Afrikaa guutuutti onnee itti horuun, Onnataniis biyyasaanii bilisa baasan.
Itiyoophiyaanis yeroo ammaa biyyoota Afrikaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gurmeessuun wiirtuu walitti qabamasaanii ta’uun tajaajiluun maddiitti guca birmadummaa taatee leellifamaa jirti.Lammaa Xiyyeen
