
‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 28,2017- Qajeelfamni Hagayya bara 2016 sagantaa nyaata qabiyyeen badhaadhe daakuu qamadii, zayita nyaataafi soogiddaarratti vaayitaaminootaafi albuudota barbaachisan dabaluun gabaaf akka dhiyaatan dirqisiisu Itiyoophiyaatti bahee ture.
Nyaata madaalawaa dhabuun humni oomisha hanqatee guddina walii gala biyyaarratti dhiibbaa akka qabu himama. Kunis Itiyoophiyaatti guddinni walii galaa harka 16.5 gama dhiibbaa geessisuun qooddata jedhame.
Mootummaan rakkoo kana hambisuuf omisha daakuu qamadii, zayita nyaataafi soogiddarratti albuudotaafi vaayitaaminoonni dabalamii fayyadamtoota bira akka gahaniif qajeelfama kana baase.
Warshaan Qindeessa nyaataa diinaa qajeelfama kana hojiirra oolchuu beeksise. Warshichi daakuu qamadii qabiyyeen badhaadhe gabaaf dhiyeessuu eegaleera Gabaasni ‘nutrition international’ baase akka agarsiisutti addunyarratti daa’immaniifi dubartoota dabalatee namoonni biiliyoona 2 ta’an soorata qabiyyee sooranni qabaachuu qabu hanga barbaachisu hin argatanii jedhe.
Kun ammoo oomishtummaa nama dhuunfaarraa hanga biyyaatti qisaasama guddaa akka uumu ifoomsa.
Obbo Taaddelee Qummii gorsaa Qindeessa nyaataa Diinaati.Soorata qabiyyeen badhaadhe (Fortification) jedhuun oomisha daakuu qamadii zayita nyaataa soogiddaa irratti albuudota vaayitaaminoota dabaluun faayidaa sooranni namaaf kennu akka dabalu gochuudha jedhu. Kun immoo nama fayya buleessa akka taasisu gochuu cinatti guddina qaamaafi sammuun bu’a qabeessa kan taasisuudha.
Itiyoophiyaan biyyoota hanqina nyaataa vitaaminootaafi albuudotaan badhaadhan (Micronutrients) qaban keessaati. Nyaata madaalamaa nyaachuu dhabuun guddina qaamaa sirrii hin taaneefi dhibee garaa garaaf nama saaxila. Nyaata madaalawaa nyaachuu dadhabuun Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Sahaaraan gadii keessatti barnootaan, oomishtummaafi damee Fayyaan guddina dinagdee walii galaa biyyaa keessaa harka 16.5 akka hir’isu qorannoon ‘Nutrtion internaltional ALA bara 2022 qorate beeksiseera.
Obbo Inniyeew Zallaqaa hojii gaggeessaa itti aanaa Diina Investiment group, warshaan isaanii rakkoo kana furuuf daakuu qabiyyeen badhaadhe gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himan.
Dhaabbatichi Karoora mootummaa gama kanaan baase fudhatee hojiirra oolchuunis ta’e hojii qulqullina qabu dhiyeessuun adda durummaan hirmaataa jiraachuu ibsaniiru.
Warshaan Qindeessituu nyaataa Diinaa warshaa daakuu qamadii lamaan qabuun guyyaatti daakuu hanga kuntaala 1,940 warshaa daakuu boqqolloo guyyaatti kuntaala 1000 oomishaa jira.
Yeroo ammaa ammoo Warshaa Boqqolloo guyyaatti kuntaala 2000 oomishuu danda’u dabalataan dhaabuuf hojjetaa jiraachuun eerameera. Lammaa Xiyyeen.







