Home Oduu Itoophiyaa ‎’Roobni waktii Gannaa barana oomisha qonnaaf mijaataadha.’ Inistitiiyuutii Mitiworoloojii Itiyoophiyaa

‎’Roobni waktii Gannaa barana oomisha qonnaaf mijaataadha.’ Inistitiiyuutii Mitiworoloojii Itiyoophiyaa

0

Roobni waktii Gannaa barana oomisha qonnaaf mijaata ta’uu Inistitiiyuutii Mitiworoloojii Itiyoophiyaatti Giddu galli Tajaajila Meetiworooloojii Bahaa fi Giddu galeessa Oromiyaa beeksise

Roobni waktii Arfaasaa ture idileefi idileen gad ta’uunis himameera

 Kanaanis  ho’i akka malee dabaluufi haalli qilleensaa  guyyaa guyyaan jijjiiramaa turuu Inistitiiyuutii Mitiworoloojii Itiyoophiyaatti hoji gaggeessaan Giddu gala Tajaajila Meetiworooloojii Bahaa fi Giddu galeessa Oromiyaa Obbo Abdiisaa Hirkoo dubbatan. ‎

‎Roobni  waktii Gannaa ammoo idileefi idileen ol jedhame ni eeggamas jedhan. ‎

‎Keessattuu Godinaalee Lixaafi Giddu  Gala Bahaa Oromiyaa rooba idileefi idilee ol argatu jedhan.

 ‎ ‎Iddoolee muraasaatti guyyoonni camaa jiraachuu akka danda’u raagni ni agarsiisa jedhan Obbo Abdiisaan. ‎ ‎

Roobni gahaan iddoolee baayyeetti waan jiruuf hawaasaaf   abdii gaarii ta’uu  ibsaniiru.

 Waktii Gannaa oomisha qonnaa biyyaa keenyaaf akkaan eeggaman keessaa tokko ta’uu kaasuun, roobni gannaa kunis oomisha  qonna miilanaaf mijaata ta’uu kaasan. ‎ ‎Keessattuu Oomisha midhaanii,qophii ashaaraa magariisaa,hawaasa naannoo gammoojjii jiraatanis bishaan yoo kuufatan  waktii bonaaf  bishaan dhugaatii beelladaafi jallisiif  fayyadamuu danda’u jedhan. ‎

‎Akkasumas hawaasni naannoo gammoojjii jiraatanis raagni roobaa jiru keessaayyuu Oomishaa baatii lamatti gahaniif carraa gaarii waan ta’eef itti fayyadamu qabuu dhaaman.

‎ ‎Bahiinsi  waktii Gannaa waan dheeratUufis qonnaan bulaan oomisha waktiisaa waliin deemu facaasuu akka qabu akeekan. 

 ‎ ‎kana  ala Iddoowwan tokko tokkootti roobni yaandoo jiraachuu waan maluuf   of eeggannoo   ni barbaachisa jedhan. ‎ ‎

Keessayyuu hawaasni gaarreen jala, laggeen qarqara, sululoota lageen Awwaash Gibee, Gannaalee faa’a keessaafi dhheenya hawaasni jiraatu   miidhaa lolaa mudachuu maluurraa  gamanumaan of eeguu akka qabu hubachiisaniiru. 

 ‎Kana malees dhiqamni biyyee,sigigaafi ciccituun lafa mudatu mala jedhan. ‎

Qonnaan bulaanis  Roobni gahaa waan jiruf ooyiruurraa  bishaan roobaa  kuufame midhaan   akka  hin balleessineef   bo’oo lolaa baasuu akka qabus dhaaman. ‎Magaalonnis gamanumaan bo’oo lolaa  qulqulleessuu  akka qaban  akeekaniiru.  Ayinaalem Tarrafaan. 

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version