OBN Cyber Media Amajjii 16,2017-Akka gabaasni waggaa ‘Deloitte’ mul’isutti, kilabni Ispeen bara dorgommii 2023fi24’tti galii Yuuroo biiliyoona 1.045 argateera.
Kunis Shaampiyoonsi Liigiifi Laaligaa kan injifate Maadriid kilabii jalqabaa waggaa tokko keessatti maallaqa Yuuroo biiliyoona 1 ol kaaznaa ofii keessa galchate isa taasiseera.
Galiin ispoonsaroota addaa irraa argame harka 19iin dabaluudhaan, bara darbe Yuuroo miiliyoona 400fi miliyoona 82 akka fide himama.
Kilabiin Ingiliz Maanchisatar siitiin Yuuroo miiliyoona 800fi miliyoona 37 ol argachuun sadarkaa 2ffaa, irratti yoo argamu, Kilabiin Firaansi PSGn paawundii Miiliyoona 600fi miliyoona 80n Sadarkaa 3ffaa irra jiraachuu ‘SKY NEWS’ irraa odeeffanne.






