Home Oduu Itoophiyaa Raawwiin hojii pirojektii babal’isuu buufata doonii gogaa Mojoo marsaan jalqabaa harka 80...

Raawwiin hojii pirojektii babal’isuu buufata doonii gogaa Mojoo marsaan jalqabaa harka 80 gaheera

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 06,2017-Raawwiin hojii pirojektii babal’isuu buufata Doonii gogaa Mojoo marsaan jalqabaa harka 80 gahuu, Hoji geggeessaan pirojektichaa injinar Dasaaleny Geetahuun beeksisan. Buufata Doonii Gogaa Mojoo gara buufata loojistikii hundagaleessaatti jijjiiruun daldala al-ergiifi alaa galchii si’ataa taasisuuf hojiin ijaarsa isaa babal’isuu eegalamuun ni yaadatama.

Ogeeyyiin miidiyaa adda addaa irraa walitti dhufan raawwii hojii babalina pirojeektii buufata doonii gogaa Mojoo marsaan jalqabaa maal irra akka jiru daawwataniiru. Hoji Raawwachisaan Pirojektichaa Injinar Dasaaleny Geetahuun Pirojektii babal’ina buufata doonii gogaa Mojoo saffisaan hojjetama jirachuu himaniiru.

Pirojektichi marsaa jalqabaa lafa heektaara 60 irratti ijaaramaa akka jiru himaniiru. Kanaanis hojiin misoomawwan bu’uuraa, daandii konkiriitii afuu, ICT, elektiromakaanikaal, dallaafi ijaarsi mana kuusaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Waliigalaan ijaarsi kun kan marsaa jalqabaa hojiin isaa yeroo ammaa harka 80 irra gahuu himanii, bara dhufu pirojeektichi hojiin isaa xumuramuun tajaajila kennuu ni jalqaba jedhaniiru.

Pirojeektiin babal’isuu kun humna keessumeesuu buufatichaa, si’aaminaafi tajaajiloota biroo kana waliin hidhata qaban kan jijjiru ta’uu hubachiisaniiru. Dabalaan koriidarii daldala Itiyoo -Jibutii ilaalcha keessa galchuunii fi humna dinagdee biyyatti baachuu akka baatu itti yaadamee ijaarama jira jedhaniiru.TOI

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version