‘OBN Cyber Media’ Amajjii 27/2017-‘Hojii misoomaa baay’inaa, qulqullinaafi ariitiin karaa hiyyummaa cabsuu danda’uun hojjechuun barbaachisaadha’ – Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Hojii misoomaa baay’inaa, qulqullinaafi ariitiin karaa hiyyummaa cabsuu danda’uun hojjechuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Raawwiin hojii paartiifi mootummaa baatiiwwan jahan darbanii magaalaa Adaamaatti qoratamaa jira.
Qorannoo raawwii hojii kanarratti kan argaman Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa naannichatti diinagdee,barnootaafi teeknolojii irratti xiyyeeffannoo addaa tiin hojjetamaa jira jedhan.
Sirna cimaa ijaaruufis hojiiwwan gara garaa hojjetamaa jirachuu eeran.
Qorannoon raawwii hojii paartiifi mootummaa kun Amajjii 27-29 bara 2017’tti kan taa’amu ta’a. Akaaluu Baqqalaan
