Karooraa ol biqiltuu mil. 615.7 dhaabuun ulaagaa waardiyyummaa madaala naannoo haaraa kaa’uu dandeenyeerra

Date:

Pirezedaanti Shimallis Abdiisaa

 
Milkaa’ina guyyaa har’aa argame keessatti, ummanni naannoo keenyaa akkuma yeroo maraa shoora olaanaa taphateera.
Ummanni keenya, sagantaa kanatti boroo ittibahee waarii irraa galuun jaalala, mararfannaafi aantummaa akkasumas kutannoo biyyaafi naannoo magariituu arguuf qabu agarsiisee jira.
Akkasumas, tokko tokkoon biqiltuu har’a dhaabamee naannoofi biyya keenyaf abdii, dandamannaafi waadaa egeree ittifufiinsa qabu bakka kan bu’uudha. Guyyaan seena qabeessi kun, gama tokkoon calaqqee hojii cimaafi cichoomina ummata keenyati; gama biraatiin agarsiiftuu waliin taanan waan kamuu milkeessuu danda’uuti.
Miira guyyaa har’aa biqiltuu dhaabuuf agarsiifne kana, ittifufuun biqiltuu dhaabne kunuunsuun akka dabaallu shakkii tokko hinqabu.
Namoota milkaa’ina seena qabeessa kanaaf gumaachan hundaaf, galata onnee irraa madde dhiyeessuun barbaada.
Imala keenya gara Oromiyaafi Itoophiyaa magariituufi badhaatuutti taasifnu keessatti, guyyaa kana taatee seena qabeessa taasisuu keessaniif kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.
Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...