
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 03,2017- Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad, buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti Pirezdaantii Somaaliyaa Hasan Shek Mohammud simatan.
Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin Pirezdaantii Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa, Hasan Sheek Mohaammud dawwannaa hojiitiif baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftanin jedha.
Hasan Shek Mohammud daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa kan dhufan yoo ta’u buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti maarshi baandii raayyaa ittisa biyyaafi shubbisa aadaan simatamaniiru. Lalii Girmaatu gabaase