“Oromiyaatti jijjiiramaan dura lafti misooma jallisiif oole kuma 400 qofa ture yeroo ammaa mil.4 ol gaheera”BKO

Date:

“Oromiyaatti jijjiiramaan dura lafti misooma jallisiif oole kuma 400 qofa ture yeroo ammaa mil.4 ol gaheera”BKO

OBN Cyber Media Bitootessa 15,2017-Kaayyoofi galma ifa ta’e qabaachuun kallattii sirrii irratti xiyyeeffachuun cichoominaafi jijjiirama caalmaaf hojjechuun milkaa’inoota dachaa biyya gonfachiisa.

Uummanni Oromoo qabsoo obsa fixachiisaa geggeessuun aarsaa danuu kanfalaa kan tureef biyya jabduu hundaaf naatu, hundaa ija tokkoon ilaaltuufi hundaan badhaatuu taate ijaaruuf cichoominaan abdii kutannaa malee qabsaa’ee injifannoo barbaadu harkatti galfatee bu’aa dadhabbii isaa dhamdhamuu erga eegalee ganna 7 ga’eera.

Haaluma kanaan injifannoon bitooteessa 24 bara 2010 argame guyyaa daandiin imala badhaadhinaa itti egalameefi pooteenshaala biyyi keenya qabdu fayyadamuun dinagdee damdaneessa ijaaruun biyya keenya tarree biyyoota guddataniitti makuuf tokko jedhamee eegalameedha.

Sosochii Imala Badhaadhinaa keessatti fuulleeffannaan Mootummaa dinagdee damdaneessa lafa qabsiisuun carraaleefi pootenshaala qabeenya uummamaa qabnutti sirnaan irraa fayyadamuuf hojjetamaa jira.

Qabeenyi uumamaa naannoon Oromiyaa qabu keessaa inni tokko qabeenya bishaaniti. Qabeenyi Bishaanii qabeenya hunda caalu ta’ee kan siyaas-dinagdee keessatti xiyyeeffannoo guddaa qabudha.

Kanaaf Uummanni naannichaa midhaan nyaataan akka of danda’uufi jiruufi jireenya hawaas-dinagdee qonnaan/horsiisee ulaa bu’uuraan jijjiiruun uummanni sadarkaa sadarkaan akka irraa fayyadamu gochuuf bu’uuraalee jallisii babaldhisuufi itti fayyadama Iskiimota jallisii fooyyessuun hirkattummaa rooba idilee jalaa baasuun wabii midhaan nyaataa sadarkaa maatitti mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jira.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti jijjiirama dura lafti hektaara kuma 400 qofti misooma jallisiif kan oolaa ture yoo ta’u, barii jijjiiramaa xiyyeeffannoo kennameen yeroo ammaa hektaara mil.4 oliin gahuun danda’amee jira.Kaanaanis uummanni keenya rooba irratti hirkatee oomishuu bira darbee lafa isaa waggaatti yeroo sadii oomishuu egaleera.

Jijjiirama dura iskimiin jallisii amayyaa adda addaa 396 kan hin caalle yoo ta’u waggoota jahan kana kessatti Piroojektoota jallisii lakkofsaan 563 ta’an lafa heektaara 100,719 misoomsuun Abbaan Warraa 201,438 fayyadamaa taasisan baajata qarshii bil. 30 oliin ijaaramuun uummatni naannoo keenyaa fayyadamaa akka ta’u gochuun danda’ame jira.

Yaadamni Piroojaktii Finna Oromiyaa Godinaalee hanqina roobaa qabaniifi roobni wayita roobus osoo hin qisaasamin bishaan cimmisuun hongee dandamachuuf akka oolu tasisuudha. Bu’uuruma kanaan sagantaa piroojektoota finna 73 bajata qarshii bil.25 oliin ijaaramaa jiran kessaa hanga bara darbee(2016)tti pirojektoonni finnaa 22 kan xumuraman yoo ta’u bara kanas pirojaktoonni 17 xumuruun tajaajila akka kennan taasisuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira.

Gama dhyeessii paampiitiin jijjiirama dura kuma sadi qofa ture jijjiiramaan booda paampiwwaan gosa adda addaa 88,177 mootummaa,miti mootummaafi qonnaan bultoota dhuunfaan bituun akka raabsamu ta’eera. Kanaanis lafti hektaara 1,061,867 ol ittiin misoomuu danda’eera.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...