“Oromiyaatti hanga ammaatti afti heektarri miiliyoonni 2.9 ol facaa’eera” Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 07,2017-Qonni mala jireenyaa baramaa ummata keenyaa ta’ee itti fufus, baroota dhufaa darbaniif murteessummaa naannawaa (geographic determinism) kanniin akka ‘agro-ecology’, waktiilee, haala biyyoo, mala omishaa (teknoolojii)’fi kkf jala ture.

Kanarraa kan ka’e, ummanni keenyas, haala hawaas-dinagdee gadaanaa fooyya’iinsa hinagarsiifne keessa turuuf dirqameera. Mootummaan Jijjiiramaa keenyas, galma badhaadhina hundagaleessaa qabate milkeessuf haala hawaas-dinagdee kana hundeerraa jijjiirun dhimma murteessaa ta’uu hubachuun hojiitti gale. Bu’uuruma kanaan toorawwan qabiyyee sagal (09) adda baasun qonna naannichaa irratti tarkaanfii tarsiima’aa fudhachuu irratti argama.

Toorawwan qabiyyee kunniin maddisiisa/madaqsa teknoolojii, mekaanayizeeshinii, jallisii, dhiyeessii galteewwanii, tajaajila eksiteenshinii, gaboomsuu (commercialization), hammatummaa faayinaansii baadiyaa (rural financial inclusion), eegumsa qabeenya umamaafi dandeessisumma dhaabbilee (institutional enablers) kan hammatanidha.

Toorawwan qabiyyee kunniin hojiirra olchuudhaan hundaa’ol, Gannaafi Afraasaa qofa osoo hintaane Bonaafi Birraa baldhinaan omishuutti ce’uu dandeenyerra. Agarsiiftuu tokko yoofudhanne, inisheetiivii qamadii boneetin, imala waggaa shanii booda, bara 2016, lafa hekt. mil. 2.8 ol ta’u boneen misoomsuun, fuula seenaa haaraa uwwisni qamadii bonee kan gannaa itticaale banneerra. Bara 2017 ammoo carraa roga hundaan qabnu sakatta’uufi qindeessuun uwwisa qamadii bonee keenya hekt. mil. afuriin (04) gahuuf karoorsinee hojjachaa kan jirru yoota’u, hanga guyyaa kaleessatti hkt. mil. 2.9 ol facaasuu dandeenyerra.

Tarkaanfiilee tarsiima’aa kanniinin, galmoota sektara qonnaa: wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuu, omisha al-galchii biyya keessatti bakka buusufi al-ergii dabaluu irratti jijjiirama qabatamaa argamsiisaa kan jirru yoota’u, ummata keenya birattis xurree cehumsa hawaas-dinagdee arguu jalqabneerra. Jalqabbiin keenya jajjabeessaa ta’ullee, xurree milkaa’inaa muldhataa jiru kana lafa qabsiisuuf, sosochii idileessuu, karoorafi raawwii keenya dilbii qabnuun madaalufi oomishtummaa keenya daran guddisuu irratti xiyyeeffannee hojjachuu akka qabnu hoggansa sadarkaan jiru, qooda-fudhattootafi aantota misoomaa keenya hundaaf dhaamuun barbaada.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...