
‘OBN Cyber Media’Mudde 26,2017-OBN Chaanaalii 5ffaa ‘OBN Cyber Media’ bakka hoggantoonni olaanoo mootummaa Naannoo Oromiyaa, federaalaa, hoggansiifi gaazexessitoonni OBNfi keessummoonni argamanitti Magaalaa Bishooftuutti eebbiseera.
Chaanaaliin ‘OBN Cyber Media’ toorawwan miidiyaa hawaasaa Yuutuubii, Feesbuukii, Tiiktookii, Telegiraamaafi ‘Whats up’iin qabiyyeewwan oduufi qophiilee bohaarsaa barsiisan qopheessuun uummata biraan gahaa jira.
Chaanaaliin ‘OBN Cyber Media’ erga hundaa’ee baatiiwwan jaha keessatti toorawwan miidiyaa hawaasaa qabuun maamiltota hedduu horachuu, Daarektara Olaanaa itti aanaafi Hogganaan Muummee ‘OBN Cyber Media’ Gaazexeessaa Efreem Tafarraa ibsan
‘OBN Cyber Media’ qophiileefi qabiyyeewwan haaraa qopheessuun weebsaayitiifi moobaayil Appii mataasaatiin hojii eegaluu ibsan.
‘OBN Cyber Media’ Weebsaayitii OBN ‘obn.com.et‘ jedhuun qabiyyee garaa garaa teknooloojii haaraan deeggaree iddoo tokkotti qophesssee tamsaasaa jiraachuu eeran.
Chaanaalichi qophiilee Qaruuxee Show, Afrii Show, ‘Matsiheet Show’ Oduu ‘OBN Cyber Media’fi kanneen biroo qopheessee tamsaasuu eegaluus eeran.
Yeroo ammaas qophiilee kanneen Haqabaas,Walumaan Show, Milkom Talent Show, ‘Oro Tech Learning’ fi kanneen biroo tamsaasuuf qophii xumure hojiitti galuus Daarektara Olaanaa itti aanaafi Hogganaan Muummee ‘OBN Cyber Media’ Gaazexeessaa Efreem Tafarraa himaniiru.
Kana malees,miidiyaan hawaasaa maqaa OBN’n fakkeessanii hawaasa burjaajessan jiraachuu eeruun, Chaanalichi weebsaayitiifi MOBILE APP mataasaatiin hojii eegaluun odeeffannoo sobaafi dogogoraa dhabamsiisuu keessatti gumaacha olaanaa ni qabaatas jedhan. Wandimmaagany Asaffaan.