‘OBN Cyber Media’ Mudde 26, 2017-OBN teknooloojii ammayyaa hidhatee Chaanalii 5ffaa ‘OBN Cyber Media’ jalqabuun guddina miidiyaa Oromoo agariisaa jedhan, Hoogganaan Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa.
Tokkummaafi hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gaheen miidiyaa olaanaa tahuu eeruun.
OBN Sagalee uummata Oromoo qofa osoo hin taane sagalee sabaafi sablammootaati. Ijaarsaafi tokkummmaa Oromoo qofa osoo hin taane ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraa jedhan.
Miidiyaa idileen cinattis OBN teknooloojii ammayyaa hidhatee chaanalii ‘OBN Cyber Media’ jalqabuunis guddina miidiyaa Oromoo agariisaa jedhan, Obbo Hayiluun.Habtaamuu Makonnintu gabaase.
