OBN Cyber Media Mudde 28,2017-Hayyuun dinahdee fi qabsaa’aa gameessi Oromoo Obbo Bulchaa Dammaqsaan du’aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Du’aan boqochuu, Obbo Bulchaa Dammaqsaa hordofee Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gadda itti dha’ame ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin Obbo Bulchaa Dammaqsaa boqochuusaaniitti gadda natti dhagahamen ibsa.
Waan danda’an hundaan biyyasaaniifi Afrikaa kan tajaajilan, ejjennoosaaniitiin cimaa, uummattoota walitti-dhiyeessuuf kan dhama’an, waan dhugaadha jedhanii itti amanan eessattuu yoomiyyuu kan dubbatan turani.
Maanguddoota ciccimooo akkasaanìi dhabuun biyyaa miidha. Uumaan lubbuusaanii haa simatu jedhuun ibsaniiru.







