‘OBN Cyber Media’ Ebla 15,2017-Raawwii hojii kurmaana 3ffaa paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti qoratamaa jiru itti fufeera.
Qorannoo raawwii kanaan ciminoota jiran akka itti fufsiisuun dandaa’amuufi hanqinoota turan adda baasuun akkaataa furuun danda’amu irratti kallattiin ni kaa’ama jedhame eegama.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa nageenya waaressuufi inisheetiivoota milkeessuuf hojiin hojjetamaa jiru gaarii akka ta’e qorannoo raawwii hojii paartiifi mootummaa kurmaana sadan darbanii kana irratti ilaalamuu himan.
Milkaa’inoonni galmaa’an cimina maalirraa akka dhufee hojiiwwan harcaa’anii hafan maaliif akka ta’an qorannoo kanarratti adda baasuun fayyadamummaa uummataa gama hundaan mirkaneessuuf akka hojjetamus himameera. Akaaluu Baqqalaan







