Muuda Qaalluu Booranaa

Date:

Gadaan Booranaa dameewwan gugurddoo: Warra Bokkuufi Warra Qaalluu jedhamu qaba.

Warrii Bokkuu damee abbootii Gadaa kana hawaasan filatamanii baallii fudhatanidha.

 Warrii Qaalluu immoo kan filatamuu adoo hin taane karaa hidda dhalootaan qaalloman.

 Boorannii Qaalluu 5 qaba: 

1.Qaalluu Odituu

2.Qaalluu Karrayyuu

3.Qaalluu Maxxaarrii Garjeedaa

4.Qaalluu maxxaarrii Kuukkuufi

5.Qaalluu maxxaarrii Karaaraa jedhamuun beekkamu.

Gadaana Booranaa sirna gadoomaa xumuratee baallii kennuun dura erga jila odaa jilateen  boodatti Qaalluu muuda.

Qaalluu muuduuf gadaan sadeen: Gadaa Arboora, Gadaa Hawaxxuu fi Gadaan Koonnituu qa’ee qaalluutti imalu. Qaalluu muuduun muudamsa aangoo siyaasaa kanaa  osoo hin taanee kennaawwan garaagaraa (horii) qabatanii qaalluuf geessu.

Yeroo kanatti faaruu muudaa faarsaa qa’ee qaalluutti olseenan jedhu Abbootiin Gadaa Booranaa.

Qaalluunis warra Gadaa kan isa muuduuf dhufe kana simachuun qumbii tufeefii eebbisa. 

Namii qaalluu muude eebba, hormaataafi bultuma argata jedhamee amanama.Qaalluu 5’n akkaatuma innii wal angafuun muudan.

Qaalluun Gadaan Booranaa jalqaba muudu kun gosa Booranaa keessaa kan damee Odituuti.Sababii jalqaba muudaniif qaalluun Odituu kun damee Booranaa keessaa angafa kan ta’e damee Fulleellee waan ta’eefidha. Fulleelle angafa Boorana guutuuti jedhan bokkuun gadaa Koonnituu Aabba Jaarsoo Jiloo.  

Maqaan Qaalluu Odituu  kun  iddoo Kuraa jedhama. Qaalluu iddoo Kuraa yeroo Gadaan baallii kennuuf qophaa’u kanatti  innis yaa’a qopheeffatee, jila odaa jilatee qophii addaa addaa taasisa.

Gadaan erga Qaalluu Odituu muudaniin duubatti  Qaalluu gosa Karrayyuu fi Maxxaarrii sadeenis  yeroo itti aanutti muudan.  Jultii muuda Qaalluu kunis  ayyaana 27n Booranaa keessaa ayyaana ‘Walla’ fi ‘Salbaana’ jedhamu jilatama.

Kanaaf yoo faaruu muudaa dhahatan “Ayyaannii kee Walla, naqaan tee Salbaana” jechuun faarsu.

Jilli muuda Qaalluu  odituu  kunis Areerootti ardaa jilaa Olgabbisa jedhamutti jilatama jira. Boruu Konsoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...