‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 29,2017-Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomisha qonnaa caalmaatti teeknooloojiin utubuuf Makaanaayizeeshinii qonnaa ammayyaa qonnaan bultootaaf kennaa jira.
Tiraaktarootni ‘”JOHN DEERE’ raabsamuu jalqabanis abbaa humna fardaa 75 hanga 140 qaban yoo ta’an akkaataa fedhii qonnaan bultootaafi haala teessuma lafaa bu’uureffachuun kennamaa jiraachuutu ibsame.
Tiraaktarootni kunneen haala humna isaaniirratti hundaa’uun guyyaatti lafa heektaara 3 hanga 12 qotuun misooma makaanaayizeeshiniin deeggarame milkeessuuf gargaaru kan jedhan, hoji-gaggeessaan Dhaabbata Keenyaa Oomisha Maashinoota Qonnaa,Obbo Margaa Tolaa, carraa mootummaan mijeesseen gatii madaalawaan fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu himan.
Oomishaafi oomishtummaa qonnaa caalmaatti makaanaayizeeshiniin utubuufis ce’umsa teeknooloojiirratti hojjechuun Tiraaktaroota abbaa humna fardaa 100 gadii meeshaalee alaa galchuun biyya keessatti tolchaa jiraachuu ibsan.
Waaqgaarii Qana’aatu odeeffate.









