MMAbiyyi Ahimad (PhD) Gaaffilee Miseensota Mana maree bakka bu’oota irraa ka’aniif deebii isaan kennan keessaa:

Qaala’insa gatiin walqabatee

Qaala’insi gatii bara darbe yoona kana harka 29 ture barana harka 15’tti gadi bu’eera.

Hojiin dhangala’insa maallaqaa to’achuu, magaalota keessatti gabaa Sanbataatiin oomishtoonni oomisha isaanii kallattiin akka dhiyeessan gochuu, bara kana hojjetoota mootummaa galii gadi aanaa argataniif daballii miindaa taasifameen qaala’insi gatii gadi bu’eera

Carraa hojiin walqabatee

Ji’oota 8 darban lammiileen miiliyoona 3 carraa hojii argataniiru

Kana keessatti dameewwan qonnaa, indaastiriifi tajaajilaa gunmaacha olaanaa qabaachuu eerameera.

Guddina Dinagdeen walqabatee

Itiyoophiyaan barana guddina dinagdee waliigalaa harka 8.4 galmeessuuf karoorfatteetti kutannoon hojjetaa jirti.

Raawwiin guddina dinagdee ji’oota 8 darbanii sadarkaa gaariirra jira.Kun immoo guddina waliigalaa akeekamee ol galmeessuun akka danda’amu mul’isa.

Al ergiin walqabatee

‘Barana al-ergii Bunaa irraa galii doolaara Ameerikaa biiliyoona 2 argachuuf hojjetamaa jira

Oomishni Bunaa jijjiiramaan dura doolaara miiliyoona 700 qofa ture

Bara darbe ammoo al-ergii Bunaa irraa galiin doolaara biiliyoona 1.4 argameera. Bara kana ji’oota 8 darban qofatti al-ergii Bunaa irraa galiin doolaara biiliyoona 1.2 argamuu argameera.Ji’oota 4 dhufan keessatti gara biiliyoona 2’tti ol guddisuuf hojjetamaa jira.

-Xaa’oofi Boba’aarratti hirpha Mootummaa walqabatee

Mootummaan Xaa’oofi Boba’aa irratti deeggarsa gochaa jira.

Xaa’oo kuntaala tokko irratti Birrii 3,700 hirpheera.

Dhiyeessii Boba’aa irrattis mootummaan Birrii biiliyoona 72’tti siqu hipheera.

Xaa’oon walqabatee hojii hojjetamaa jiru

Xaa’oo biyya keessatti oomishuuf pirojektii guddaa ifoomsuuf hojii jalqabameera.

Akkuma Hidha Haaromsaa pirojektii guddaa jalqabsiisuuf hojjetamaa jira.Pirojektiin guddaa kunis Xaa’oo biyya keessatti oomishuudha

Hulaa Galaanaan walqabatee

‘Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa argachuuf carraaqqii eegalte cimsitee itti fufti.

Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa karaa faayidaa gam-lamee eeggateen karaa nagaa qofaan argachuuf carraaqqii eegalte cimsitee itti fufti

Seera idil-addunyaa bu’uura godhachuun karaa nagaan hulaa galaanaa argachuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufa.

Hidha Haaromsaa walqabatee

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Ganna dhufu ni xumurama

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa mallattoo tokkummaafi abdii biyyaa ta’e ji’oota ja’an dhufan keessatti ni xumurama