Ulfaatina Mixaaxisaa giraamaan malee kiilogiraamaan yommuu dubbatamuhoo dhageessanii beektuu laata?
Taateen tibbana Magaalaa Adaamaatti dhagahame mixaaxisni/cemcemeen ulfaatinnisaa sadarkaa Afrikaattuu dursuu mala jedhamu argamuusaati.
Mixaaxisa/Bakkulee yookiin Dammaan makaan dur akkuma qotamee boollaa ba’een bilchaatee nyaatamus ta’e gabaaf dhiyaatu, miilanammoo raajii jedhamuun, ollaa bitaaf mirgaa birmachiise.
Ollaan yaa’ee qe’ee Obbo Mogositti wal ga’es mixaaxisa boollaa ba’e amanuu dhabuun, mobaayila kiisiidhaafudhatanii waan ajab nama jechisiisu suuraa kaafachuutti deebi’uu himan.
Obbo Mogos Jimaa Roobii jiraataa magaalaa Adaamaa Aanaa Dhakaa Adii yoo ta’an, Boroosaaniitti kuduraaleefi fuduraalee adda addaa oomishatanii nyaatu.
Mixaaxisa guddaa kanas akkuma biqiltoota nyaataaf oolan kanneen birootti sanyii isaa ollaarraa fudhachuun boroosaanii dhaaban.
Kana nama dhibummoo lafuma xiqqoo qabanirratti bishaan lagaa guuranii obaasuun, xaa’oos itti dabaluun kunuunsaa turuu himan.
Wanti tokko boca dur ittiin beekamurra caalee wayita mul’atu, kunuunsaafi sanyiitu adda ta’uu mala jedhama.
Obbo Mogos garuu mixaaxisa kana kanneen biroorraa wanti sanyiisaa adda godhu hin jiru, akkuma amaleeffannetti nyaachuuf qotuu wayita eegallu waan raajii kana argine jedhan.
Kanaan duras Mixaaxisa guddaa Afrikaa jedhamuun kan galmaa’e Itoophiyaa keessaa Jiinkaatti argamuu quba kan qaban Obbo Mogos, kan boroosaaniitii ba’es hangaan guddaa ta’uun raajii jedhamuu hin oolu jechuun, miidiyaatti baasuuf murteessuu himan.
Adaamaatti Mixaaxisni guddaan boroo, Obbo Mogosii ba’e kg 24 ulfaata jechuun oduu karaa ‘OBN Cyber Media’’tiin wayita qoodnu, “Qallaba waggaa tokkooti” jechuun kan ajaa’ibsiifate argineerra.
Osoo nyaataaf dhiyaatee nama meeqa ga’a laata jechuunis Obbo Mogosiin gaafanne.
Dubbiin ijaan galti akkuma jedhamu arguun amanuu waan taateef mixaaxisa kana hanga isaa baruuf waliif qabnee madaalarra wayita keenyu, kiilogiraama 24 ol ta’uusaa mirkaneeffanne. Henook Baqqalaatiin
