Home Oduu Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee gitasaanii Zimbaabuwee waliin mari’atan.

Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee gitasaanii Zimbaabuwee waliin mari’atan.

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 03,2017-Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee Ministira Qonnaa Zimbaabuwee Dr. Ankishees Jongiwee Masuukaa waliin tumsa misooma qonnaa biyyoota lamaanii ilaalchisuun mari’ataniiru. Walgahiin ariifachiisaa Sagantaa Misooma Qonnaa hunda galeessaa Afrikaa erga ta’aamuu eegalee har’a guyyaa sadaffaadha. Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee walgahii kanarratti hirmaachuun cinatti Ministira Qonnaa Zimbaabuwee waliin mar’ataniiru. Ministiroonni kunneen dhimmoota biyyoonni lamaan misooma qonnaa irratti tumsuu danda’an irrattis mari’cuusaanii odeeffannoon ministeera Qonnaa irraa argame ni mul’isa. Walgahiin ariifachiisaan Sagantaa Misooma Qonnaa Hunda Galeessaa Afrikaa har’a sadarkaa hoggantootaatti taa’amaa kan jiru yoo ta’u, murteewwan adda addaa dabarsuun ni xumurama jedhamee eegama.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version