OBN Cyber Media Ebla 15, 2017-Malaammaltummaan diina waloo safuufi duudhaa uummata keenyaa, gufuu guddina biyyaa, nageenyaafi misooma keenyaa akkasumas humna badaa raawwii hojii keenyaa duubatti harkisuun qabeenya Mootummaafi uummataa qisaasessee fayyadamummaa hawaasa keenyaa danqudha jedhe Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa.
Kana malees hojimaanni badaa, malaammaltummaafi hanni gufuu aadaafi duudha akkasumas dhukkuba jijjiiramaafi guddina biyyaa quucarsudhas jedheera.
Komishiniichi, ittisa malaammaltummaafi hojimaata badaa irratti itti gaafatamtoota, ogeessotaafi seektaroota ijaarsa pirojeektotaa irratti qooda qabaniif leenjii hubannoo uumuu mata dureewwan addaa addaa irratti kennuu eegale
Leenjiin kana irratti argamuun haasawaa baninsaa kan taasisan Komishinara Itti aantuun Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Abbaayinesh Tafarraa, hojiin Komishinicha dhimma ittisa yakkaa malaammaltummaa eeguu, tiksuu, gorsa kennuu, hubannoo uumuufi karaatti deebisuu ta’uu ibsaniiru.
Leenjiin kun seektaroota dhimma bulchiinsa pirojeektii irratti hojjetamaniif kan kennamu ta’uu ibsuun, kaayyoon leenjii kanaa hubannoo uumuufi naamusa gaarii diriirsuun hanna, hoji maata badaafi malaammaltummaa mucuca safuufi duudhaa keenyaa ta’e maksuuf kan kennamu akka ta’e dubbataniiru. BKM
