Magaalonni Oromiyaa maaliin beekamu, fooliin Oromummaa irraa urgaa’us maal fa’i?

Date:

Wiirtuu Magaalaa Adaamaatti Siidaan akeektuu Abbaa Gadaafi Gaaddisni Odaa bocame Oromoos ta’e Magalattii madaaluu qaba jedhan, tajaajilamtoonni bakka adda addaarraa dhaquun biratti suuraa ka’an. Sulula qiinxamaa guddicha Afriikaa Bahaa keessatti angaatee mul’atti. Magaalota Oromiyaan qabdu jajjaboo keessas tokko. Wiirtuu turiizimii, konfiraansiifi daldalaa jedhamuunis leellifamti. Ijaarsi gamoowwaniifi misoomaawwan garaa garaas qalbii namaa hawwatu. Mallattoolee eenyummaafi gaaddisa Oromummmaa mul’isanis ta’e iddoowwan biroorraa adda godhan hanga maqaasheefi guddinashee gahuu baatanis siidaan Gaaddisa Odaafi Abbaa Gadaa wiirtuu Magaalaa Adaamaatti dhaabbachuun Gadaa lama lakkooofsise isa ijoodha. Dhaloonni bakka addaddaarraa dhufuun siidaa mallattoo Oromummaa mul’isu kana biratti arginee dubbifnes, bakka hawwataa kanatti simboo ofiisaaniifi Adaamaa walsimsiisuun suuraa yaadannoof ta’u ka’uu himan.

Dargaggoonni bakka simbo-qabeessa kanatti suuraa kaasuun madda galii godhataa jiranis, namoonni wayita yaadannoof suura ka’an akkaataa/style adda addaa waan mul’isaniif miirri gammachuufi mufii mul’isanis ta’e babal’achuu tekinooloojii suura kaasu(Smartphone)n walqabatee danqaalee jiraachuu himan. Siidaan calaqqee Oromummaa ta’eefi Adaamaa magaalota biroorraa adda godhu kun jiraachuun gaarii ta’us, sadarkaa magaalaas ta’e warraaqsa Aadaa Oromoo amma jiruun waan wal-hin simneef haaromsuufi sadarkaasaas guddisuu gaafata jedhan. Siidaa qalbii hawwatuufi namoonni yaadannoof suuraa biratti ka’an sadarkaa magaalaatiin akka walgituufis ta’e kanneen gootota Oromoo ibsan dabalataa bocuuf hojii jabaan kan isaan eeggaatu ta’uus Waajjira Adaafi Turiizimii Magaalaa Adaamaatti dursaa garee Sona Aadaa, Seenaafi Hambaa Obbo Dammaqaa Araddoo ibsaniiru. Waaqgaarii Qana’aatu odeeffate.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...