”Kunuunsi misooma sululaa dhiqama biyyee ittisuun, diinagdee magariisaa dandamachiisa”- Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 04,2017-Hojii misooma sululaa bona kana hojjetamuun, qabeenya bosonaa jiru eeguu, kunuunsuufi misoomsuun diinagdee magariisaa balaa kamiyyuu dandamachuu danda’u uumuun hojiiwwan Karoora Xiiqiin qabamanii hojjetamaa jiran saffisiisuu galma kan godhateedha jedhan, Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ergaa gama miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin.

Kunuunsi misooma sululaa dhiqama biyyee ittisuun, diinagdee magariisaa dandamachiisa.

Kunimmoo, dhiibbaa jijjiirama qilleensaan lammiilee irra gahuuf malu xiqqeessa.

Rooba waktiisaa eeggate akka argannu taasisuu keessattis qooda olaanaa gumaacha.

Madaala kuufama bishaan lafa jalaas tiksa jedhan.

Waggoottan darban keessatti misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa naannicha keessatti hojjetamaa tureen muuxannoowwan gaggaariin hojii keenya itti aanuuf galtee ta’an argamanii kan jiran ta’uu ibsuun, ummanni bal’aan baadiyyaatti argamus sochiin hawaas-diinagdee isaa qonna irratti kan hundaa’u ta’uu ibsan.

Kanaaf, hojiin tajaajila lammummaa kunuunsa qabeenya uumamaa waggoottan darban hojjechaa turre bona kanas itti fufee kan hojjetamu, muuxannoofi ogummaan ummanni keenya yeroo gara yerootti dabalaa kan jiru, miidhaginniifi hawwattummaan hojii kanaas, madda hawwata tuuriizimii ta’uun tajaajiluu keessatti qooda olaanaa qaba.

Dhaloota aadaa hojii gonfateen hiyyummaa injifannee mul’ata badhaadhinaa qabame ariitiin galmaan gahuu keessatti gaheen qabu guddaa ta’uus ibsaniiru.

Iccitiin milkaa’ina keenyaas, kunuunsi qabeenya uumamaa, misooma sululaa bonaafi hojiin ashaaraa magariisaa gannaa hirmaannaa ummata keenyaa bal’aan hojjetamu galtee waliif ta’ee, diinagdee magariisaa keenya dandamachiisuun qilleensa mijataafi qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuun oomishtummaa dabaluun wabii nyaataan of danda’uu qofa osoo hin taane al-ergii dabaluu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.

Bara kanas, hirmaannaa ummata bal’aan deeggarree karoora hojii kunuunsa qabeenya uumamaaf qabame milkeessuun hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu akeekaniiru.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...