OBN Cyber Media Amajjii 21,2017-Dachee bunaan dhagi’amte bakka argama bunaa Koffii Arabikaati Hawaasa aadaa, duudhaa,safuufi seenaa hedduu qabu hawaasni Jimmaa.
Kattaatu muudugaa Mudugatu muuda muudatu eebba, dachee Magariisa bonaaf ganna lalisu qe’een mootota shan Gibee.
Maanguddoo argaafi dhageettii Aanaa Gommaa Obbo Ahmad Abbaagaroo Gommaan bakka argama bunaa ta’uu isheef ragaawwan hedduutu jiraachuu ibsu. Bunni gammachiistuu jiruuf dagachiistuu gaddaati.
Araara rabbiifi rakkoo dhufeefi dhufuuf jiru jala nu milkisiin bunaan kadhatamaa, Maanguddoo argaafi dhageettii, Obbo Abdulkaarim Abbaa Garoorraa odeeffanne.
Jimmi dachee argama bunaa ta’uu isheef Magaalaa Jimmaatti mallattoon buna ibsu dhaabbateera.
Hawaasa Jimmaaf bunatu waan hunda waan hundatu buna warqee magarsiisa mukarraa ciramu diinagdeefi Hawaasummaadha, milkiitu bunaan hawwama abdiifi egereetu keessatti calaqqisaaas hawaasarraa odeeffanne.
Halluuwwan Finjillaarratti dibamanis , Magariisni dacheen Itiyoophiyaa bonaaf ganna lalisaa qabeenya uumamaan badhaatuu yemmuu ta’u diimaanis , buna bilchaateefi dachee diimaa waan hunda biqilchu biyyatti qabachuufi ,halluun cuquliisni Samii bal’aa hawwiifi abdiin keessaa calaqqisu ta’uu toora marsaalee irraa arganne. Abdii Rabbumaatu gabaase






