Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ta’uun…

Date:

Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ta’uun egereen diinagdeeshee amansiisaa ta’uusaaf jedhan,Aljeeriyaatti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Muktaar Muhaammad. ‘OBN Cyber Media’ Amajjii 23,2017-Duudhaafi safuu dippiloomaasii baroota dheeraatti Itiyoophiyaan kuufatte irratti ijaaruudhaan hariiroo alaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun danda’amee jiraachuus himan. Kunis falaasama ida’amuu irraa akka maddu dubbatan. Bu’uurri dippiloomaasii Itiyoophiyaa walabummaa,birmadummaafi faayidaa itti fufiinsa qabu akkasumas hariiroo biyyattiin biyyoota ollaa waliin qabdu giddu gala kan godhatedha.Kanaanis hariiroo nageenya uumuun biyyoonni ollaa shakkii keessaa bahanii Itiyoophiyaa waliin akka hojjetan tarkaanfiin guddaan fudhatameera jedhan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad wayita gara aangootti dhufan daawwannaa biyya keessaa akkuma xumuraniin biyyoota ollaa,Jibuutii,Somaaliyaa,Keeniyaa,Sudaan,Sudaan Kibbaa akka daawwatanis yaadachiisan. Nageenya olloota keenyatti buusuun hanga badhaasa Noobeelii Nageenyaa argachuuttis gahaniiru jedhan. Biyyi kabaja lammiilee isheef hin laanne kabaja qabaachuu hin dandeessu.Kanaafis faayidaa,mirgaafi kabaja lammiilee eeguuf hojiin hojjetames olaanaa akka ture himan. Lammiilee mana hidhaa biyya hambaatti gidiraa argaa turan dhiifamni godhameefi Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad xiyyaara ofii ittiin imalaniin lammiilee fudhatanii gara biyyaatti deebi’aa akka turan yaadachiisan. Kunis seenaa dippiloomaasii biyya keenyaa keessatti taatee addaati jedhan. Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun egereen diinagdeeshee kamansiisaa ta’uusaatiin jedhan. Duudhaafi safuu dippiloomaasii baroota dheeraatti kuufame irratti ijaaruudhaan hariiroo alaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun dandaa’ameera jedhan. Kunis falaasama ida’amuu irraa akka maddu dubbatan. Gama dippiloomaasii diinagdeenis Invastimentii harkisuun oomisha alaa galan biyya keessatti oomishuun sharafa alaa isaaf bahaa ture hambisuun Hojiin hojjetame abdachiisaadha. Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...