Idaan Itiyoophiyaa oomisha walii galaa biyyaa keessaa harka 13.7 gadi buusuun danda’amuu ministirri Karooraafi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa himan.OBN Cyber Media, Amajjii 06,2017- Dr.Fitsum bu’aa fooyya’insaafi hojiirra oolmaa dinagdee gooroorratti ibsa kennaniiru. Jijjiiramaan dura ilaalama dinagdeerratti jirurratti rakkoowwan sirnaafi caasaa turan sirreessuuf imaammata hawaas-dinagdee haaraa hordofuu ibsaniiru.
Imaammanni misoomaa kunis Dam-Daneessa, gaaffiilee itti fayyadama haqa qabeessaa lammilee deebisuuf hojii ijoosaa kan godhateefi sirna hirmaachisaa kan kaayyeffate ta’uu himaniiru. Qonni, misoomni Albuudaa, indaastiriiwwan oomishaa, Turizimiifi dinagdeen Dijitaalaa wal qixa madda dinagdee akka ta’aniif xiyyeeffannaan itti kennamuun madaalliin dinagdee akka sirratu ta’uusaa Dr.Fitsum ibsaniiru. Kunis gahee olaanaa mootummaan dinagdee keessatti qabaachaa ture gara damee dhuunfaatti dabarsuu hojiin hojjetamuu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Imaammattoonni misoomaa kunneen waggootaf rakkoo ta’ee kan ture ca’umsa caasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru. Fooyya’insi dinagdee man-dhalee marsa jalqabaatti hojiirra oole keessatti imaammatichi dinagdee ammayyeessuun dorgommiif banaa taasisuu keessaatti fooyya’insa bal’aa fiduu eeraniiru.
Waggoota jijjiirama darban keessatti galii mootummaa guddisuu, bulchiinsa baasii sirreessuu, hojiifi raawwii pirojektii qorannoo irratti hundaa’e fooyyessuufi deeggarsa kaayyoo yaadameef ooluchuurratti bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru. Keessattuu galiin mootummaa kan bara jijjiiraman ture caalaa dachaa hedduun dabaluu ibsaniiru.
Jijjiirama kanaan dura akkaataan misoomni Itiyoophiyaa maallaqaan deeggaramee biyyattiin liqaa cimaa ofirraa akka qabaattu akka taasise himanii; waggoota jahan darban kana keessatti kana sirreessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turuu ibsaniiru. Kanaanis Liqii daldalaa kamiyyuu fudhachuu dhiisuudhaan, liqeesitoota waliin mari’achuun yeroon liqiin itti deebi’u akka dheeratu taasisuun liqii biyya irra jiru baay’inaan kaffaluun ba’aan liqaa akka hir’atu taasifamuu himaniiru. Kanaanis reeshiyoon liqii omisha Walii galaa(GDP) Itiyoophiyaa keessatti qabu gara harka 13 tuqaa 7tti gadi buusuun danda’ameera jedhaniiru. Jijjiiramaan dura garuu dharka 30 ol akka ture yaadachiisaniiru.








