Hordoftoonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo sirna Cuuphaa raawwachuun Cuuphaa Iyyasuus Kiristoos yaadatan.
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 11/2017-Hordoftoonni mana amantichaa guyyaa Iyyasuus Kiristoos sirna Cuuphaa itti raawwate jala bultii ayyaanichaa Kataraa irraa eegaluun sirnoota amantaa gara garaan yaadataa jiru.
Jala bultiin ayyaanichaa Kataraan bakka hordoftoonni amantichaafi turistonni argamanitti kaleessa kan raawwate yoo ta’u, ayyaanni Cuuphaammoo har’a sirni Cuuphaa raawachuun kabajamaa jira.
Sirni Cuuphaa kun Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti bakka abbootiin amantii, hordoftoonni amantichaafi Kantiibaan Kutaa Magaalichaa, Obbo Caalaa Adaree argamanitti raawwateera.
Ayyaanni Cuuphaa bara 2017 Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Finfinnee dabalatee Oromiyaafi guutuu biyyattiitti sirnoota amantaafi aadaa gara garaan kabajamaa jira. Wandimmaagany Asaffaan.










