
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 06,2017:Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa ganda Baadiyyaa Ankasootti Waajjirri gandaa saxaxa Mootummaan baaseen ijaarramuun tajaajila kennuu eegaleera. Abbaa Boor Abbaa Gissaafi Mahammad Kaabir Musaas ganda Ankasoo keessa jiraatu hojiin baadiyyaatti caasaa haaraan hojjetamuu eegale gaaffii hawaas- diinagdee keenya kan furuu jedhan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, gandoota baadiyyaa 562 jiru keessaa hanga ammatti waajjiraalee gandaa ulaagaa mootummaan kaa’een ganda 200 ol keessattis ijaarsi isaa raawwatee jiraa jedhan. Abdii Rabbumaatu gabaase.







