‘OBN Cyber Media’ Amajjii 08,2017-Gadaan Booranaa Gadaa itti aantuuf baallii dabarsuuf jila jilatamu keessaa tokko jila dhibaayyuuti. Jila dhibaayyuu erga jila dhawaa jilatanii guyoota itti aananitti jilatu.Dhibaayyuun kadhannaadha.
Namaaf, sa’aaf, uumamaaf, marraaf, bishaaniif waan qaban hundaaf eebbaa fi nagaya kadhatu jedhan, abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Dhibaayyuuf yeroo ba’an meeshaalee aadaa kallacha mataatti hidhatu, maxxaarriifi daannisa harkatti qabatu, ciicoo aanan miyyuu qabatanii ba’u.
Ardaa dhibaayyuu itti ba’an yeroo dhaqqaban namni hundi kophee baafata. Kun ulfina dhibaayyuuti jedhu.
Bakka daangeffame kan moonaa dhibaayyuu jedhamutti jila tana jilatu. Nami biraa isaanitti hin seenu. Namni hundi gadi tataa’anii, maxxaarrii oldhaabanii faaruu hoyyoyyoo jilaa akka armaan gadhiitti dhawatu:
Hoo hoyyoyyoo jilaa hoo hoyyoyyoo jilaa— haa haa hee Waaqa Gadaa qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Gadaamojjii qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Gadaa teenna qajeelchi hoyyoyyoo Jilaa Dhalaa dhalcha qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Tikaa obaa qajeelchi hoyyoyyoo Jilaa Dhabsuu marratti qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Korma gaanatti qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Gaantuuu ilmatti qajeelchi hoyyoyyoo
Jilaa Waaqayyoo guddaa roobi hoyyoyyoo
Jilaa Roobii lagayoo yaasi hoyyoyyoo jilaa akka Liiban balladhu hoyyoyyoo Jilaa Liiban waan cufa qabdi hoyyoyyoo jilaa Korma dullacha qabdi hoyyoyyoo
Jilaa Lattuu miyooftuu qabdi hoyyoyyoo Jilaa Warrii hafan immoo haa haa hee jechuun jalaa qabu.
Faaruu hoyyoyyoo jilaa tana abbaan Gadaa eegaluun warrii hafanilleen dabaree fudhachuun haaluma walfakkaatuun faarsu.
Waan achitti jedhamu tokko irraa kan biraatti darbuuf abbaan Gadaa “Jaala abbaa Jiloo jilti maaltu asi aana?” jedhee jaarsa mana galmaa gaafata. Jaarsii mana galmaa jedhamu kunis: Roobaa fi nagaya Obbaatii jilaati Jaarsatti jila beeka jedhaan.
Yokaan immoo Jilti Roobaafi nagaya, obbaatii jilaati, Shanan qoodhi burqaa kaachisi jedhu.
Yeroo inni akkas jedhu warri kaan ammas hoyyoyyoo jilaa jechuun jila itti aanutti darbu.
Afoolli itti fayyadaman kun kadhannaa fi eebba akka ofi keessaa qabu hayyootii Gadaa ni dubbatu.
Dhibaayyuun jila dhawaatin boodaa kun gosa lamatu jila.
Dhibaayyuu manaafi alaa jedhamuun beekama. Dhibaayyuu manaa manumatti, kan alaa immoo guyyoota lamaaf alatti kan jilatamu yoo tahu, kan alaa kana erga ganama bobbaa loonii waliin ba’anii guyyaa guutuu dhibaayyuu irra turuun galgala loon waliin gara ollaa yaa’atti galu.
Aanan isaan dhugan immoo dubartootaafi ijoollee ollaatti hafanitu fidaaf.
Aanan kun talboo jedhamuun waamama. Aadaa bakka dhibaayyuutti tolchan kan ifatti tolchanii fi kan iccitiin tolchanis ni jira.
Kana immoo warra dhibaayyuu keessa jiru malee namnii alaa akka ilaaluuf hin eeyyamamu. Boruu Konsootiin.







