Gadaan Booranaa xumura gadoomaaf jila Dhibaayyuu jilataa jira.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 08,2017-Gadaan Booranaa Gadaa itti aantuuf  baallii dabarsuuf jila jilatamu keessaa tokko jila dhibaayyuuti. Jila dhibaayyuu erga  jila dhawaa jilatanii guyoota itti aananitti jilatu.Dhibaayyuun  kadhannaadha.

Namaaf, sa’aaf, uumamaaf, marraaf, bishaaniif waan qaban hundaaf eebbaa fi nagaya kadhatu jedhan, abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Dhibaayyuuf yeroo ba’an meeshaalee aadaa  kallacha mataatti hidhatu, maxxaarriifi daannisa harkatti qabatu, ciicoo aanan miyyuu qabatanii ba’u.

Ardaa dhibaayyuu itti ba’an yeroo dhaqqaban namni hundi kophee baafata. Kun ulfina dhibaayyuuti jedhu.

Bakka daangeffame kan moonaa dhibaayyuu jedhamutti jila tana jilatu. Nami biraa isaanitti hin seenu. Namni hundi gadi tataa’anii, maxxaarrii oldhaabanii faaruu hoyyoyyoo jilaa akka armaan gadhiitti dhawatu:

Hoo hoyyoyyoo jilaa hoo hoyyoyyoo jilaa— haa haa hee Waaqa Gadaa qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Gadaamojjii qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Gadaa teenna qajeelchi hoyyoyyoo Jilaa Dhalaa dhalcha qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Tikaa obaa qajeelchi hoyyoyyoo Jilaa Dhabsuu marratti qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Korma gaanatti qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Gaantuuu ilmatti qajeelchi hoyyoyyoo

Jilaa Waaqayyoo guddaa roobi hoyyoyyoo

Jilaa Roobii lagayoo yaasi hoyyoyyoo jilaa akka Liiban balladhu hoyyoyyoo Jilaa  Liiban waan cufa qabdi hoyyoyyoo jilaa Korma dullacha qabdi hoyyoyyoo

Jilaa Lattuu miyooftuu  qabdi hoyyoyyoo Jilaa Warrii hafan immoo haa haa hee jechuun jalaa qabu.

Faaruu hoyyoyyoo jilaa tana abbaan Gadaa eegaluun warrii hafanilleen dabaree fudhachuun haaluma walfakkaatuun faarsu.

Waan achitti jedhamu tokko irraa kan biraatti darbuuf abbaan Gadaa “Jaala abbaa Jiloo jilti maaltu asi aana?” jedhee jaarsa mana galmaa gaafata. Jaarsii mana galmaa jedhamu kunis: Roobaa fi nagaya Obbaatii jilaati Jaarsatti jila beeka jedhaan.

Yokaan immoo Jilti Roobaafi nagaya, obbaatii jilaati, Shanan qoodhi burqaa kaachisi jedhu.

Yeroo inni akkas jedhu warri kaan ammas hoyyoyyoo jilaa jechuun jila itti aanutti darbu.

Afoolli itti fayyadaman  kun kadhannaa fi eebba akka ofi keessaa qabu hayyootii Gadaa ni dubbatu.

Dhibaayyuun jila dhawaatin boodaa kun gosa lamatu jila.

Dhibaayyuu manaafi alaa jedhamuun beekama. Dhibaayyuu manaa  manumatti, kan alaa immoo guyyoota lamaaf    alatti kan jilatamu yoo tahu, kan alaa kana erga ganama bobbaa loonii waliin ba’anii guyyaa guutuu dhibaayyuu irra turuun galgala loon waliin gara ollaa yaa’atti galu.

Aanan isaan dhugan immoo dubartootaafi ijoollee ollaatti hafanitu  fidaaf.

Aanan kun talboo jedhamuun waamama. Aadaa bakka dhibaayyuutti tolchan kan ifatti tolchanii fi kan iccitiin tolchanis ni jira.

Kana immoo warra dhibaayyuu keessa jiru malee namnii alaa akka ilaaluuf hin eeyyamamu. Boruu Konsootiin.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...