Gadaan Booranaa “Seerri Muummee Seera Sareeti” maaliif jedha?

Date:

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 19,2017-Booranni, Abbaan Gadaa Namaa waaqaa, waaqaa namaa jechuun, uumaa gaditti aangoon kan Abbaa Gadaa ta’uutti waliigala.

Akka sirna Gadaa Booranaatti qaamni “Seera Aadaa Booranaa” ol ta’u tokkollee hin jiraatu.

Kan nama ajaa’ibu garuu seerri hunduu qixa raawwatamus Booranni “Seerri Muummee Seera Sareeti” jedha.

Seerri xiqqoodha jedhamu dhimma sareen labsame yoo jiraatellee cabuu hin qabu jedhamee amanama. Abbaa Gadaa dabalatee qaamni seera kana cabses ni adabama.

Abbaan Gadaas ta’e Adulaan fiixee gadooma irra jiran waan aadaafi jilaa raawwachuu hanqatan ni gorsamu, yoo sana darbanii fooyyeffachuu didan ammoo jila Buqqisaa taa’uun Gumiin Gaayyoo aangoo irraa buqqisuu danda’a.

Yaa’i Arbooraa teessoo Abbaa Gadaa Booranaadha. Booranni yaa’a Gadaa sadii qabu keessaa Arboorri wayyooma teessoo Abbaa Gadaa ta’uu qaba.

Abbaan Gadaa sadarkaalee Gadaa keessaa isa 6ffaa irratti argamu yoo ta’u, sadarkaa aangoo olaanaan itti argamudha. Kanaafuu sirna Gadaa keessatti warri Gadooma irra jiran aangoo fi itti gaafatama guddaatu irra jira.

Isaan keessaa Abbaan Gadaa ammoo aangoo olaanaa siyaasaafi aadaa tiksuu qaba. Abbaan Gadaa tokko bara aangoo waggaa saddeet qabu keessatti waan raawwachuuf isa dirqamsiisan heedduu qaba. Kunis waggoota saddeettan hunduu ga’ee mataa isaanii qabu.

Bara jalqa irraa eegale  hanga baallii dabarsutti waaqaa gaditti waan uummata barbaachisu jila hunda raawwachuuf dirqama qaba. Abbaan Gadaa tokko fulaa jilaafi gooroo qubachuun waan aadaa fi siyaasaa uummaticha ijaaru hojjechuuf dirqama qaba.

Booranni waaqaa gaditti kan aangoo qabu Abbaa Gadaadha jedhee amana. Abbaan Gadaas aangoo guutuu akka qabu ni beeka kanaafuu waan Gumiin Gaayyoo lallabe hunda ni raawwachiisa. Waan aadaa fi jilaa hayyoota isaa waliin ta’uu Gooroo godaanee obbaasa.

Ragaan Kitaaba ‘A deepper look into Booran Oromo Culture’ jedhu akka barreessetti Gadaa Booranaa hanga ammaatti Abbootii Gadaa fi Hayyoota 11 ta’an seera Boorranni qabu waan cabsaniif ykn waan hanqisaniif adabamaniiru.

Tibba kana Gadaan Booranaa Baallii marsaa Toorbatamii Lammeessoof dabarsuuf jilarratti argama. Tamasgeen Hundarraan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...