Home Oduu “Gaaffiin misoomaa Ummataa keenyaa xiyyeeffannaa addaatiin deebii akka argatuuf hojjatamaa jira.” Pirezidaanti...

“Gaaffiin misoomaa Ummataa keenyaa xiyyeeffannaa addaatiin deebii akka argatuuf hojjatamaa jira.” Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa.

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 28,2018

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ijaarsa buufata xiyyaaraa Shaakkisoo Diidoolaa Godina Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisootti ijaaramu eegalchiisan.

Buufanni Xiyyaaraa Shaakkisoo Diidoolaa kun lafa heektaara 124 olirratti kan ijaaramu yoota’u, dinagdee hawaasa naannichaa si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhame.

Sirna jalqabsiisa buufata xiyyaaraa kanaratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ergaa dabarsaniin, gaaffiin misoomaa ummata keenyaa xiyyeeffannaa addaatiin deebii akka argatuuf hojjatamaa jira jedhan.

Warqee lafti Gujii kuufateefi qabeenya dilbii jirutti hawaasni sirnaan akka fayyadamu gochuurra darbee kan biyyaaf oolu oomishuu qabnas jedhan.

Jijjiiramaan dura Oromiyaa keessa buufata Xiyyaaraa Jimmaa qofa ture, yeroo ammaa garuu buufanni xiyyaaraa Naqamtee, Roobee, Dambidoolloofi Nageellee Booranaa itti dabalamuu ibsan.

Buufanni xiyyaaraa haaraan Magaalaa Shakkisootti ijaaramu kunis dafee xumuramuun Fulbaana dhufurraa kaasee hojii akka eegalu eeran.

Hojii ijaarsa isaas Dhaabbata Meedrook Invastimanti Guruppiitu hojjeta.

Habtaamuu Mokonnintu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version