Home Oduu Feestivalaafi kaarnivaala  cidhaa, misirroowwan kuma 1 iddoo tokkotti.

Feestivalaafi kaarnivaala  cidhaa, misirroowwan kuma 1 iddoo tokkotti.

0

Feestivalliifi kaarnivaalli cidhaa misirroowwan kuma 1 Magaala Finfinneetti raawwatamuun dinqiidha jedhame.

 Siniin buna ittiin dhugan kumni 12 qophaa’uunis simboo cidha misirroowwan kumaa ta’eera.

Addunyaarratti wanti akkaan nama gammachisu inni angafaa bultii ijaarachuudha.

 Dhiiras ta’e dubarri gaafa umriinsaani gaa’elaaf gahe waayila bultii isaaniif ta’u barbaadu, nama barbaadan sana erga argatanii boodas waan cidha isaanitiif ta’u qopheessanii, hiriyyoota,ollaafi firaa gammachuusaanii qooddatanis waammatu.

Bara si’anaa garuu biyyoota muraasatti cidha namni dhuunfaatti qopheeffachuurraa gara bakka tokkotti qindaa’anii qopheeffachuutti waan dhufan fakkaata.

 Taateen baratamaa hin taane kun Itoophiyaattis mul’ateera.

Feestivaalaafi Kaarnivala cidhaa misirroowwan kuma tokko hirmaachise Finfinneetti kan qopheesse dhaabbanni ‘Yeshi gabichaa’ akeeknisaa obbolummaa Afrikaafi tokkummaa sabaa calaqqisiisuuf yaadameeti jedhe.

Feestivaala kanarratti Saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itiyoophiyaa, eenyummaa ofii, aartii, ogummaa harkaa, aadaafi duudhaa isaanii ibsachuun cidhicha faayaniiru.

 Namoonni sirnicharratti hirmaatan kunneen, feestivaalli akkanaa tokkoomuu kenna kan calaqqisiisudha jedhan.

Feestivaala kanarratti misirroonni kuma 1 gaa’ela kan dhaabbatan yoo ta’u, cidha kanarratti misirroonni biyyoota Afrikaa garaa garaa hirmaataniiru jedhame.

 Sagantaan kunis dhaadannoo maatii ijaaruun biyya ijaaruudha jedhuun raawwatame. Sagantaa miilanaa kan adda godhe, siniin bunaa kuma 12 dhaabbata ‘One Koo Coffee’ jedhamuun cidha miidhaksuufi keessummoota galchuuf qophaa’uusaati jedhame.

 Muuxannoon bakka tokkotti qindaa’anii gaa’ela raawwachuu kun kanaan dura biyya Afgaanistaan keessatti misirroonni 50 galma tokko keessatti beellamachuun cidhaa raawwachuunsaanii erga dhagahameen booda ajandaa dhaabbilee miidiyaa ta’e.

Afgaanistaanitti baasiin cidhaa ulfaachuun misirroowwan bakka tokkotti gurmaa’uun cidhasaanii raawwachuu akka filatan ta’uunis ibsameera.

 Cidha sanas dhaabbata tola-ooltummaan beekamu tokkotu qopheesse.

Misirroowwan saniif dhaabbatichi meeshaalee mana keessa tokkollee osoo hin hanqisiin guuteefii ture. Warreen gaa’ela dhaabbatanis waan akkaan jajjabeefamuu qabu ta’uu ibsan turan.

Taateen kun haala kanaan guutuu addunyaa wal gaha tanaan waan gaarii fidee dhufuu malamoo aadaa hawaasaatti waan bu’u qaba jettu dhiiroo. Madiinaa Daddafootu Ministeera Aadaafi Ispoortiifi AP wabeeffachuun qindeesse.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version