“Fayyadamummaa ummataa gama hundaan mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira”-Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Date:

Guyyaa har’aa sagantaa eebba Tarminaala Buufata Xayyaaraa Waaqoo Guutuu maqaa qabsaa’aa Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuutiin moggaafame irratti argamuu kiyyatti gammadeera.-Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

‘OBN Cyber Media’ Mudde 27,2017-Tarminaalli ammayyaa’aa kun xumuramee hojii jalqabuu isaatti, ummanni Godinaalee Baalee, hawaasni qaxanichaa akkasumas ummanni Oromoo marti baga gammaddan.

Godinaaleen Oromiyaa kallattii kanaan jiran, dilbii misoomaa hedduun kan ebbifamanidha. Qaxanichi gama qonnaa, turizimiifi albuudatiin lafa carraa baldhaa qabu yoota’u, kooridorii jabaa dinagdee al-ergiifi al-galchiis ta’uu kan danda’uudha. Haata’uutii rakkoon hidhamiinsa daandii qilleensaafi lafaa gaaffii bara dheeraa naannawichaa ta’ee tureera.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya kana dafee hubachuudhan rakkoolee bu’uuraalee misoomaa jiran hiikuun dilbii naannawichaa gara fayyadamummaa dinagdeetti jijjiiruuf xiyyeeffannoo olaanan socho’aa jira. Tarminaalli Buufata Xayyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu guyyaa har’aa eebbifame kunis qaamuma sochii kanaati.

Akkuma Jeneraal Waaqoo Guutuu, gabrummaa hiddaan buqqifna, yoodidame ilmaan itti guddifna jedhan, yaadni isaanii milkaa’ee, ilmi isaanii Looreetiin Nagaa Addunyaa Abiyyi Ahimad (PhD) gahee Muummee ta’e; bu’uurri qabsoo isaanis galma gahuun buufanni xayyaaraa kun maqaa isaanitiin akka mogga’u taasisan.

Kanaan duras Buufanni Xayyaaraa Guddinaa Tumsaa Naqamteefi Hayilee Fidaa Dambiidoollootti maqaa gootota keenyatiin moggaafamaniiru. Kunis gama tokkoon Mootummaan Jijjiiramaa keenya qabsaa’ota qaalii mirga ummata Oromootiif gatii kanfalan yoomiyyuu kan hindagannefi waadaa isaan aarsaa kanfalaniif kan jiraatudha.

Gama biraatin dhaloonni haaraan sabboonummaa gochaatin saba ofii waliin dhaabbachuun kabaja fuula seenaa irraa hin haqamne ta’uu hubachuun akka socho’u kan onnachiisudha.

Daandiii qilleensaa cinaatti mootummaan naannawa kanatti daandii aspaaltii babaldhisuuf pirojektoota adda addaa hojiitti hiikaa kan jiru yoota’u, gama kanaan pirojektoota daandii aspaaltii Gobba-Barbaree-Dalloo Mannaa akkasumas daandii aspaaltii Roobee- Soof-Umar hojiilee ariitiin hojjetamaa jiraniidha.

Bu’uuruma kanaan, qabeenyafi dilbii olaanaa naannawichaa gabaa, faayinaansiifi beekumsa giddugaleessaafi biyya alaatiin walitti hidhuun fayyadamummaa ummanni keenya gama hundaan argachuu qabu mirkaneessuuf socho’aa jira.

Irra deebiin ummanni keenya baga gammaddan jechaa, yeroo dhufuttis Garee Daandiiwwan Qilleensa Itiyoophiyaa waliin ta’uun buufataalee xayyaaraa Mattuu, Yaabeelloofi Nageellee Boranaa adeemsa ijaarsaa irra jiran yeroo gabaabaa keessatti kan xumuraman ta’uu abdii guutuun qabuun qabu isaa Garee Daandiiwwan Xayyaara Itoophiyaa hojii isaanii bakka bu’iinsa hinqabne kanaaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...