Home Oduu “Dilbiin naannichaa guddinaafi badhaadhina Itiyoophiyaaf humna guddaadha”-MM  Abiyyi Ahimad (PhD)

“Dilbiin naannichaa guddinaafi badhaadhina Itiyoophiyaaf humna guddaadha”-MM  Abiyyi Ahimad (PhD)

0

‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 13,2017-Qabeenyi Dilbiin Naannoo Affaar karoora guddinaafi badhaadhina Itiyoophiyaan qabatte milkeessuuf kan dandeessisu humna guddaa akka qabu, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Affaarirratti ergaa dabarsaniin, hojiiwwan bu’uura misooma nyaata loonii, Qamadii, Indaastiriifi misooma kooriidariin hojjetamaa jiran abdii qabeessa.

Nyaanni Loonii karaa sanyiin marga haaraan Nyaata loonii qonna jallisiin heektaara 500 irratti qotameen dhihaachaa jiru beelladni sababa hoongeen  akka hin miidhamne kan gumaachu Inisheetiivii haaraadha.

Naannolee Affaariifi Somaalee akkasumas Booranatti beelladni nyaata gahaa akka argatan gochuuf hojiin jalqabame bal’isuun akka barbaachisu himaniiru.

Naannoon Affaar baay’ee waan ho’uuf Qamadii oomishuun hin yaadamu ture; yeroo ammaa jallisii boneen qamadiin lafa heektaara kuma 1 fi 500 caalu irratti oomishamaa akka jiru Ministirri muummee Abiyyi Ahimad (PhD) himaniiru.

Warhaan Daabboo waajjira giifti dureen magaalaa Samaraatti ijaarame guyyaa kana eebbifame guyyaa tokkotti Daabboo kuma 300 fi daakuu kuntaala 450 oomishuu akka danda’u himaniiru. Kunis fedhii jiraattota magaalichaa amma barbaadamu kan guutudha jedhan.

Gama biraan misoomni Kooriidarii Naannoo Affaar jalqabbii gaariirra  jira.Karaa dhangala’aan ittiin dhabamsiifamu ijaaruun, ibsaa diriirsuun, hojiin misooma magariisaafi hojiin sadarkaa magaalattii eeguuf  hojjetamu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.

Misoomni Kooriidarii jalqaba waggaa dhufuutti xumuramuu akka danda’u eeraniiru.

Hojiin qonnaafi Indaastirii Naannoo Affaar quubsaa ta’uu ibsanii, haata’uutii qabeenya naannichi qabu yoo ilaalle hojiin baay’een hafa jedhan.

Qabeenya naannichaa fayyadamuun yoo danda’ame dandeettiin guddaan guddinaafi badhaadhina Itiyoophiyaaf fayyadu akka jiru himaniiru.

Galma Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kaa’ame milkeessuuf qabeenya biyyattii hubachuun fi ciminaan hojjechuun fayyadamuun akka barbaachisu Ministirri muummee hubachiisaniiru.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version