OBN Cyber Media Amajjii 20,2017-Dhaabbatni Itiyoo-Injinariingi Giruuppi bara dhufuu eegalee konkolaattoota elektirikaa Itiyoophiyaa keessatti oomishuuf karoorfachuu Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon himaniiru.
Dhaabbatichi konkolaattoota humna elektirikaan hojjetan biyya keessatti oomishuuf qophaa’uu himaniiru.
Albuudni galtee baatirii konkolaataa elektirikaa oomishuuf oolu Liitiyeemiin Itoophiyaa keessatti bal’inaan kan argamu ta’uu, Ambaasaaddar Suleeyimaan ibsaniiru.
Albuudni kun hanga ammaatti dheedhiin isaa alatti ergamaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi yeroo ammaa Teknooloojii Albuudicha calaluu danda’u barbaadaa akka jiru dubbaaniiru.
Dhaabbatichi ogeeyyii muuxannoo olaanaa qaban 550 qabaachuus eeraniiru.
Waggaa shan keessatti Awutoobisoota deddeebisa ummataa oomishuu eegaluuf hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Itiyoo – Injinariing Giruuppi maashinaroota misooma qonnaa oomishuun qonnaan bultootaaf rabsuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu ibsaniiru.TOI








