Lafa garaan yaade miilli ganamfata akkuma jedhamu, Konkolaataa oofuu/konkolaachisuun dheebuu ijoolummaa Dargaggoo Kadiir Rashiid ture. Kadiir barmeela boba’aan keessaa dhume nuffiii tokko malee daandii dheeraa lafarra galgalchuun dafqa xuruurfachaa ture.
Imalli karaa dheeraa tarkaanfiin eegalama mammaaksa jedhu kan dhugoomse Kadiir, Sammuu hawwii konkolaachisummaaf qabu cichee hojjechiisuun amma ofiifuu konkolaataa ofiinuu hojjetee milkaa’eera.
Dargaggoo Kadiir Godina Harargee Bahaa, Aanaa Cinaaksanitti dhalate. Amma konkolaataa “Kadir Truck” jedhamtu, kan gommaa sadiin sochootuufi tajaajiloota garagaraa kennuun rakkina hawaasaa furu meeshaalee naannootti argamanirraa hojjete.
Geejjibni Kadir Track gommaa 3 qabaattus bocni ishee bajaajii osoo hin taanee Konkolaataa fe’umsaa “Ennitiree” fakkaata.
Hojii kalaqaa kanaafis kan isa onnachiise jaalalaa ijoollummaatti konkolaachisaa tahuuf qabuun maddiitti, rakkoo hawaasni naannoo bishaan dhugaatii dhabee dararamaa ture furuuf xiiqeffataa turuusaarraa kan madde ta’uu OBN’tti hime.
Konkolaataan Kadir hojjete boba’aa kan qusattuufi saffisa guddaa kan qabdu yoo taatu, Sa’aatii 1:00’tti kiiloomeetira 55 hanga 63 imaluu dandeessi. Bishaanis al-takkaan hanga liitira 950 qabachuu dandeessi. Kana malees, wanti konkolaataa kana adda godhu Fireena sadii, kan miilaa, kan harkaafi kan qilleensaa qabdi. Geejjibni kun tajaajila hundagaleessa kennaa jirti.
Tajaajilonni kunneenis bishaan dhugaatii hawaasaaf dhiyeessuu, Mana/gamoo ijaaramaa jiru bishaan Obaasuu, Bishaan Gamoorra ol baasuufi gad buusuu ,Biqiloota bishaan obaasuu, konkolaataa dhiquufi ibiddaa dhaamsuu dabalatee kanneen biroof oolti.
Dargaggoo Kadiir hoiisaa kanaan Sadarkaa Godina Harargee Bahaatti dorgommii kilaastara Kolleejjoota Barnoota Leenjii Teekinikaafi Ogummaa Haramaayaatti dorgomameen 1ffaa, Dorgommii Sadarkaa Naannoo Oromiyaa Adaamaatti namoota 365 hirmaachisuun qophaa’e keessaas 1ffaa, Sadarkaa Federaalaattis morkii kalaqaa namootaa 82 hirmaachise waliin dorgomee 1ffaan injifachuun beekamtiifi badhaasa garagaraa argachuu hime.
Kadiir abjuusaa ijoollummaa bifa milkaa’aa ta’een umurii dargaggummaatti bira ga’uu himuun, hojiin kalaqaa baayyee dadhabsiisaa tahuusaarraan kan ka’e tumsa barbaada jedhe.
Hojiin kalaqaa “Kadir Truck” kun deeggarsa dhiyeessii meeshaaleefi bakka hojii mijataa argannaan baay’inaan oomishuun gabaaf dhiyeessuuf karoora qabaachuus dargaggoo Kadiir Rashiid himeera. Kutatan kutaa uffatu akkuma jedhamu, dheebuun Kadiir konkolaachisaa ta’uuf wixanate mikaa’uurra darbuun abbaa kalaqa konkolaataa isa godheera; Hawaasa baadiyyaas bishaan obaasuun dargaggoonni onnatanii waan haaraa hojjechuuf akka of qopheessaniif kallattii akeekeera. Kamaal Ahmadeen
