“Cuuphaan ayyaana amantaa, aadaafi sabdanessummaa keenyaati”-MM Dr Abiyyi Ahimad

Date:

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad ayyaana Cuuphaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Cuuphaan ayyaana amantaa, aadaafi sabdanessummaa keenyaati.

Amantaadhaan iyyasuus kiristoos samii gad bu’ee, laga Yoordaanositti harka Yohaannisitin cuuphamusaa ittiin yaadanna; kunis imala Addaam bade barbaaduuf taasifameedha.

Iyyasuus Kiristoos Addaam wayita kufeetti, tarkaanfiisaa tokkko Beetelemii hanga Qaraniyootti isa hordoofeera.

Kanaan Addaamiin gara ulfina isaa isa ganamaatti deebisuu qofa osoo hin taane, ulfina isa duraa caalaa kenneeraafi; kunis Itiyoophiyaa har’aaf waan baayyee nu barsiisa; biyyi keenya Itiyoophiyaas Beetelemii hanga Qaraniyootti kan itti kufte baayyeedha; kufaatti tokko tokkoon itti kufte hordoofne kaasuu qabna.

Kufaatii senessaa, ijaarsa mootummaa, diinagdeefi siyaasa ishee mudate waligalteen gara du’aa ka’uu jijjiiruu qabna.

Kiristoos wayita Addaamiin fayyisee godhi yookiin akkaana godhi hin jenne; Addaam humna akka hinqabne waan beekuuf, fayyisuu akka of hindandeenye ni beeka; kanaafis kiristoos gidduu gale raawwateefi.

Itiyoophiyaan rakkinaan barootaaf dadhabdee jirti; hiyyuummaafi duubatti hafummaan jaarraa hedduuf miidhamte, humna dhabdeetti.

Silaa kana ykn sana gochuu qabdi turte amma jijjiirama hin fiddu.

Nuti ijoolleen ishee har’a waan gochuu qabnu har’aa haa goonu; biyya keenyaaf furmaata ta’u qabna.

Beetelemiitti dhalachuu qabna yoo ta’e haa dhalannuu.

Galaana gidduu dhaabbachuu qabna taanaan haa dhaabbannu; yoo arrabsamuun ta’es haa arrabsamnu, yoo fannifamuu ta’es haa fannifamnu; garuu kun hundi du’aa ka’uu Itiyoophiyaa kan fidu haa ta’u; har’a waan gochaa jirrus kanuma.

Cuuphaan ayyaana aadaa keenyaati, Ayyaana Agarsiisa dirree Itiyoophiyaarratti dhiyaatudha, dirreefi lagni itti mul’atu, Uffataafi meeshaalee aadaa keenya addunyaarratti ittii agarsiifna, akkaataa tolfanna rifeensaafi faaruu keenya ni dhiyeessina.

Cuuphaan muuziyeemii Addabaabayii aadaa Itiyoophiyaati; sababni turistoonni hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuuf filataniif keessaa tokko Cuuphaan muuziyeemii Addababayii waan ta’eefi.

Ayyaanni cuuphaa Baadiyyaa hanga magaalaatti; qarqara hanga gidduutti; Biyya alaa hanga biyya keessatti dhufani kan kabajaniif ayyana calaqqe eenyummaa keenyaa ta’uusaani.

Ayyaanni Cuuphaa Ayyaana sabdaneessummaati. Namni saboota, afaanotafi aadaa Itiyoophiyaa arguu barbaadeef filannoon tokko ayyaana Cuuphaati.

Addabaabayii tokkotti eenyummaa kumaatamaa arguu dandeenya.

Uffanni aadaa eessa jedhame jedhamu ni ba’aa ,faayaan mul’ate hin beekne ni mul’ata; Cuuphaatti bifa Ityoophiyaa hedduminaan arguu dandeenya, Duudhaafi aadaa bareeda kana fakkaatu abbootii keenya waan nudhaalchistaniif isini galateeffanna,

Cuuphaan magaalaafi baadiyyaa walitti fida,namoonni Hedduun firoottan isaanii argachuuf baadiyyaa deemu.

Kan biyya keessaafi alaa walitti fida, lammiileen keenya Miiliyoonoonaan lakkaa’aman biyya alaarraa Ayyaana cuuphaa nu waliin kabajuuf dhufaniiru.

Kun ammoo sabdaneessummaa keenya caalmaatti cimsa. Barsiifata Ayyaana Cuuphaa ijaarsa biyyaaf oolchuun, duudhaa isaa gabbisuufi sabdaneessummaa cimsuun ayyaanichaa akka kabajnu adaaraan jedha.

Itiyoophiyaan carraaqqi ijooleesheen sodaatamtefi kabajamte bara baraan haa jirtaattu!

Uumaan Itiyoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu!

Amajjii 10 bara 2017

#Oromia#OBN#Finfine#Epiphany

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...