Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa walakkaa xumuraan morkiin har’a Arsenaal dirree isaaraatti PSG waliin godhu xiyyeeffannoo argateera.
‘OBN Cyber Media’ Ebla 21,2017-Maqaa masoo “The Gunners” kan moggaafate Arsenaal taphoota Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sadi kana dura PSG waliin taphate mo’amuu dhabuun seenaa fooyyee qaba. Kilabichi tapha tokko injifachuu, lamaan immoo qixaan xumuruun PSG ni caala.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan taphichaan dura “kilaboota Awurooppaa ciccimoo afran keessaa tokko taaneerra;Ammatti kun seenaa bareedadha, garuu kana caalaa hojjachuu qabna” jedhe.
“Arsenaal waggoota hedduuf leenjisaa isaa waliin hojii ajaa’ibaa hojjechaa ture. Hundi keenya sadarkaa kana gahuun nuuf mala” jechuun leenjisaan PSG Luwis Enerikeen garee lachuu dinqisiifateera. Taphichi halkan sa’aatii 4:00 eegaluun istaadiyeemii Imireetisitti taphatama.Boonjee Dagaagaan.







