‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 02,2017- Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa Caffeef dhiheessaniin hawaasni keenya ogummaa gonfachuun dorgomaa akka ta’u gochuuf ogummaalee adda addaatiin namoota Miliyoona 1fi kuma 600 oliif leenjiin ogummaa kennameera jedhan.
Ogummaa Naatoo hawaasa keenya bira jiru leenjiifi tekinoolojiidhaan dagaagsuun bu’uura indaastirii buusuufi lammileen galii dabalataa akka argatan gochuuf kilaastarootni Indaastirii Godoo 7,374 hojiitti akka galan taasifamee jira.
Hojii dhabdummaa Magaalaa fi baadiyyaatti mul’atu karaa hiikoo qabuun hir’isuuf carraan hojii dhaabbii Miliyoona 1fi kuma 300 Uumameera.
Dargaggoonni carraa hojii dhaabbii argatan bu’a qabeessa akka ta’an gochuuf; Paakeejiiwwan deeggarsaa adda addaatiin liqii birri biiliyoona 2.83 mijeessuun danda’ameera.





