‘OBN Cyber Media’ Amajjii 28,2017-Bosona kunuunsuun buna dhamdhama gaarii qabu argataa jirraachuu, Godina Jimmaatti qonnaan bultoonni Aanaa Maannaa himan.
Gosti mukeen kunuunfamaniis iji bunaa guutuu akka ta’uuf murteessoodha jedhan.Bunni lafta heektara kuma soddomii torbarratti misoomaa jiru bosonaan marfamee jiraachuus, Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaraddiin Ahmad himaniiru.
Buna lafa heektara kuma dhibba jahaa olirratti misoome keessaa, hektaarri kuma dhibba shan bosona keessatti kan argamu ta’uus, Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Tamaam ibsaniiru.
Gidduu gala Qorannoo Qonna Jimmaatti Qorataan Bunaa, Obbo Kaliifaa Nasiroos, dhamdhamni buna bosona keessatti marguu olaanaadha jedhan. Abdii Rabbumaatu gabaase.











