Teknoloojii Warqee duugu nuuf dhiyaaterraa faayidaa hedduu argataa jirra jedhan, Jiraattonni Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii. Oomishni Warqee Aanaa Wanciitti misoomu nyaatarra darbee, galii hawaasa aanichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan jiraattonni. Ta’us Haadholiin nyaata Warqee ykn Qooccoo mala aadaatiin qopheessuun dhama’aa kan turan yoo ta’u, qulqullinarrattis dhiibbaa qabaachuusaatu himama.
Erga Tekinoloojiin Waarqee duugu dhiyaatee garuu dadhabbii namaas hambisuun, bu’a-qabeeyyii isaan gochuu namoonni gurma’anii hojjetan himan.
Oomisha Warqee teknoloojii haaraa kanaan hojjetame tuuristoota Iikoo Turiizimii Wancii Dandii daawwataniif dhiyeessuun alatti gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessuuf kan hojjatan ta’uu, Bulchaan Aanaa Wancii Obboo Taarikuu Laggasaa himan.
Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti Qorataa Ol’aanaan Maashina Warqee duuguu kana hojjetan Dr Addisuu Fiqaaduu, muuxannoosaanii babal’isuuf kan hojjatan ta’uu himan.
Hojii haadholii dadhabsiisaa ture hambisuuf, teknoloojii qorannoodhaan deeggarame madaqsuuf hojii guddaan eegalame kan baba’atu ta’uu, Daarektarri Olaanaa Ittaanaan Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknoloojii Oromiyaa Dr Lijaalem Ayyalaa himan.
Nyaanni warqee faayidaa hedduu qabaachuu kan ibsan Daarektarri Ol’aanaa Inistiitiyuutii Baayoofi Immarjiingii Teknoloojii Federaalaa Piroofeesar Kaasahuun Tasfaayee, teknoloojiin haarfti Warqee duugu oomisha harka 20 hanga 40’tti duraan qisaasa’amaa tureefi dhamaatii haadholiis kan hambise waan ta’eef babal’achuu qaba jedhan. Tasfaa Suufaan
