Home Oduu Bishooftuutti namoonni daa’ima ugguruun Birri tokkoo fi walakkaa fudhatan  adabaman.

Bishooftuutti namoonni daa’ima ugguruun Birri tokkoo fi walakkaa fudhatan  adabaman.

0

Nama ugguranii  maallaqa gaafachuun  yeroo dhiyoo as bakka garaa garaatti mul’atu dubbii ijoo ta’aa dhufeera.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 28,2017-Magaalaa Bishooftuuttimmoo namoonni daa’ima ugguruun Birrii miiliyoona tokkoofi walakkaa fudhatan  adabamuun dhagahame.

Si’ana goleewwan garaa garaatti  nama ugguruun  maallaqa gaafachuun  darbee darbee dhagahamu yaaddoo ta’aa dhufeera. Akeekni gocha nama miliqsuu kun humna daheeffachuun karaa seeraan alaatiin maallaqa walitti qabachuu ta’us safuufi duudhaa hawaasaas ta’e seera idilee biyyi baafattee itrttiin bultuun kan walfaallessudha.

Maallaqaaf jecha namoota nagaa ugguruun taatee jibbisiisaa yeroorraa gara yerootti dabalaa  dhufeefi namarra maallaqa jaallachuutti deemaa jiru ta’uunsaati. Kunimmoo namni oolee bulee raajii uggum jechisiisuufi afaan nama qabachiisu akka argu gochuu jalqabeera.

Taateen nama ugguruu daa’immaarratti wayita raawwatamu ammoo hedduu garaa nama nyaata.Maaliif jennaan  daa’immaan homaa hin beeknee, gaariifi hamaa adda baafatanii hin beekne waan raawwatamuuf  boqannaa namaaf hin kennu.

Taateen akkasii kun jireenya maatii baayyee dirreerratti hambisa.Maatiin waa qabus qabeenya waggoota baay’ee dafqee horuun ijoolleesaa ittiin guddifachuuf wayita dhaama’utti taateen kun yeroo mudatu akka malee ulfaata.

Taateen Magaalaa Bishooftuutii dhagahames kanaaf ragaadha.Innis Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu Aanaa Horaa bakka addaa Hullagab jedhamutti gaafa guyyaa ebla 03 bara 2016 daa’ima umuriin isaa waggaa 14 ta’e ukkamsanii baajaajii keessa galchuudhaan fudhatanii deeman.

Sana booda maatiitti bilbiluudhaan birrii miliyoona 1fi kuma dhibba 5 kaffalanii dhalasaanii akka deebifatan gaafatan. Maatii daa’imaa kanaaf waan akkasii dhagahuun hedduu ulfaataa ta’us, lubbuu dhalasaanii dhabuurra waan qaban walitti qabuun kaanis liiqeeffatanii birrii miliyoona tokkoofi kuma dhibba shan kaffaluun daa’immaa isaanii uggurame gad lakkisiifatan. Taateen mudate kunis poolisii gurra bu’uun, Poolisoonni Magaalaa Bishooftuus namoota gocha akkanaa raawwatan to’achuuf qorannoo eegale.

Namoonni gocha sana raawwatanis miliquuf osoo yaalanii hordooffii poolisii Kutaa Magaalaa Dhibaayyuufi hirmaannaa hawaasaatiin himatamaa 1ffaa Abbii /Salamoon/Birahanuu, himtamaan  2ffaa Taadee Guutaafi himatamaa 3ffaa Lataa Sooriifi himatamaa 4ffaan Daani’eel /Oliiqaa/Taganuu jedhaman gaafa Eebla 17 bara 2016 birrii  maatii mucaarraa fudhatan keessaa motor saayikilii tokko bitanii qarshii hafeefi meeshaa sagalee hin qabne shuguxxii tokkoo waliin to’ataman.

Himatamtoota kanarratti Gareen Olaanaa Qorannaa yakkaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuufi Abbaa Alangaa Kutaa Magaalichaa waliin ta’uu galmee himannaa banuun ragaa barbaachisu hunda qindeessanii galmeen walqabsiisuun gara Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuutti ergamuun dhimmichi ilaalameera. Himatamtoonni kunneenis balleesaa ta’uunsaanii mirkanaa’e.

Haaluma kanaan Dhadacha gaafa Amajjii 26 bara 2017 ooleen himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran tokkoo tokkoonsaanii hidhaa cimaa waggaa 9 kan adabaman yoo ta’u, himatamaa 4ffaan hidhaa cimaa waggaa 10 nin adabameera jechuun, Gareen Kominikeeshinii Qajeelcha Olaanaa Poolisii Magaalaa Bishooftuutu ibseera.

Poolisiinis maatiin ijoolleesaa akkuma jaallatu, bakka turaniifi namoota waliin oolanis hordoofuu akka qaban dhaameera.  Qajeelcha Poolisii Magaalaa Bishooftuurraa odeeffanne.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version