OBN Cyber Media Mudde 25,2017-Akkamitti jechuun keessan hin oolu, akkamii maaliitiree dhiiroo kun seeraa uumati, ilmi nama gaafa umriin isaa dabalaa deemu dullumoon waan hafu miti, bineensonnis akkasuma;garuu faallaa kanaan bineesi hin dullomne jira jetti oduun.
Bineensi kun maqaan isaa ‘Naked mole rat’ jedhama. ‘Naked mole rat’ jechuun, Afaan Oromootiin Hantuuta moluu qaama qullaa jiru akka jechuuti.
Qaamni isaa guutuun rifeensa tuuchaa akka qaama hantuutaa hin qab;.Garuu rifeensa xixiqqaa ijaan hin mul’anne muraasa ni qaba.Rifeensi xixiqqaan kunis isaaf faayidaa ajaa’ibaa qaba.
Bineensi kun dukkana jimii keessa jiraata. Agartuun isaa akkaan laaftuudha;garuu uumamni kun agartuu ijaa irraa haajaa takkallee hin qabu.Bakka ifni tokkollee hin jirre keessatti ijji faayidaa hin qabdu.
Bakka ifaan tokko hin jirre dukkana jimii keessa akka fedhetti fiiguu danda’a. Abboo bineesichi carraa qabeessa isinitti fakkatu ija malee dukkana keessa kokolachuun isaa meeqatu ija dhabe rakkata, inni osoo ija qabu dantaa ijaa hin qabu.
Ijaaf dantaa dhabuun isaa rifeensa xixiqqaan qaama isaa irratti argamutu gahee ol aanaa qabaaf. Rifeensi kun waan naannawaasaatti argamu hunda adda baasee dhaamsa gara sammutti dabarsa. Haala kanaan dukkana akkaan sodaachisaa ta’e keessa akka waan ijaan arguutti deema.
Bineensi kun osoma fuulduratti deemu of duuba deebi’uu yoo barbaade dhaabbatee hin naanna’u, Akkuma makiinaan gaafa naanna’uu barbaade duubatti deemu, fuula ofii osoo hin naannessiin innis of duuba deema.
Of duuba deemuu kanaan xiqqoollee hin dhiphatu, hin gufatus bineensa kanaaf of duuba deemuufi fuulduratti deemuunis tokkuma jechuudha.
Ajaa’ibni uumama kanaa yoom kan qofa dhiiroo! Sanyiiwwan hantuutaa hedduun sakandii 20’f yoo oksijiinii dhaban ni du’u, Uumamni hedduunis oksjiinii malee daqiiqaa hedduuf turuun akkan itti ulfaata, Qorattoonni uumama kana haalaan qorachuuf, fuudhanii bakka qilleensi tokkollee hin jirre /Vacuum/ keessa kaa’an. Ilmi namaa osoo bakka qilleensi tokkollee hin jirre keessa kaa’anii daqiiqaa 4 keessatti du’uu danda’a.
Bineensi ajaa’ibaa kun garuu bakka qilleensi tokkollee hin jirre keessa daqiiqaa 18 guutuu lubbuun turuu akka danda’u qorattoonni bira gahan.
Uumamni kun haga fedhe osoo umriin turellee wanti dullumma jedhamu qaama isaarraa hin mul’atu, osoo qaamni isaa dargaggummaa irraa hin jijjiiramiin du’e biyyeetti dabalama. Magan Uumaa waaqa ta isaa malaala hin qabdu akka fedhe godha.
Ilmaa namaas ta’e bineesonni biroo dhibeewwaan garagaraatiin qabamanii yeroo fayyan ykn ammoo du’anis argina bineessi ‘Naked mole rat’ dhibeen siin buyyaa waan jetteen fakkaatti isarrattis humna hin qabu. Tasa yoo dhibames hoggasuma fayya. Kaansariin haga fedhe osoo limoon itti naqameellee uumamni kun dhibee kaansarii jedhamu tokkoonillee hin qabamu. Sababuma kanaaf qorattoonni bineensa kanaan Bineensa kaansariin hin qabamne/ Cancer free/ jedhaniin.
Qorattoonni sila dubbiin garmgaram jedhanii guyyaa guyyaan uumama kana qorachutti jiru. Icciitiin bineensa kana uumama addaa isa godhe galuuf dide. Icciitii Isaa beekuuf dhaamati jabaa keessa jiru. Wanti dhukkuba hunda isa dandamachiisee dulluma malee isa jiraachise kun maali jedhanii qorannoo isaanii cimsani jiru.
Hundaafu Qorattoonni waa’ee umamma kana qorannoon irraa gahanii moo hin gahanii isaani ollee bullee walumaan ilaalla.Nural Hudaafi National Geographic irraa Odeeffachuun kan qindeessite Madiinaa Daddafooti.





