Home Oduu Addunyaa Bineelda diinni yoo itti dhufe akka waan du’eetti sa’aatii 6’f osoo hin...

Bineelda diinni yoo itti dhufe akka waan du’eetti sa’aatii 6’f osoo hin socho’iin gogee ciisu jiraachuu quba qabduu?

0

Rabbiin dandeettii isaatiin ardii fi dachii uume, umamawwaan biroos haalaafi amalaan akkuma akka isaatti bineelda daggalaas ta’e beeyladoota dabalatee  dhala namaas uume.

warreen inni uume kanneen gochi isaanii daran ajab nama jechisiisus bineelda uumaan haalaaf amala addaa isa badhaase ‘Opossum’ ajab nu jechisiifnaan isiiniif qooduufi filanne.

Opossum, Ameerikaa Kaabaa fi Kaanaadaa keessatti argama.

warra waan akka korojoo garaa jalaa qaban keessattis ramadama.

Bocni qaama ‘Opossum’ kan hantuutaatiin wal fakkaata. Garuu qaamni isaa guddaadha.

Rifeensa yabbuu qaba. Sanyiiwwaan ‘Opossum’ 60 oltu jira  jedhama.

Dheerinni ‘Opossum’ hanga seentimeetira 76 ta’a.

Ulfaatinni isaa kilograama 4 hanga 6ti.

 Eegeensaanii  dheeraa yoo ta’u, mukarraa mukatti ce’uudhaaf itti tajaajilamu.

Haa ta’u malee akka bineeldota garii eegee sanitti fayyadamuun mukarratti rarra’uu hin danda’an.

‘Opossum’ qaama jiddu galeessa qabaatus, ilkaan isaa kan hoosiftoota hedduu caala, ilkaan 50 afaan keessaa qaba.

‘Opossum’ naannawa margaafi mukkeen jiran akkasumas lafa jiidha ykn bishaan qabutti dhiyaatee jiraata.

‘Opossum’ warra halkan socho’anii soorata ykn rizqii barbaadan keessaa isa tokko.

 Dandeettiin waa arguu fi dhagahuu isaa haalaan laafaa waan ta’eef ,guyyaa adiin wayita uumamni hedduun olii gadi socha’an  inni socho’uu hin danda’u, hanga dhiituutti taa’ee eega.

Waa  fuunfachuu irratti ammo kan isa gitu hin jiru  haalaan jabaadha. 

Funyaan isaa kanatti fayyadamee, halkan jimii wanti takka keessatti hin mul’anneen keessa deemee soorata barbaaddata.

Kan  isaa falladha abboo nama jechisiisa  bineessota biroo irraa, kan ifa guyyaa argatee keessa waa barbaadachuu hin dandeenye halkan jimii waan barbaadani  argachuu mitii keessa deemuun ulfaatu keessa Bineensi kun soorata barbaade nyaata.

‘Opossum’ qubsuma Akka bineeldota hedduu bollaa ykn mana woxxee ijaarratee keessa galu hin qabu. Yeroo hunda olii gadi dhama’aa  jiraata.

Wayita qabbanni hammaatee cabbiin bu’uu jalqabu boolla barbaadatee achi keessatti daheeffata.

Boolluma tanallee ofii isaatii hin qotatu, Boolla uumamni biraa qote barbaaddatee keessa jiraata.

 Yoo cabbiin akkaan hammaatu baalaafi marga dheddheeraa boollatti guuree qaama ittii oo’ifata. Qabbana hamaa kana dandamachuuf mala birootis ni fayyadama. Rifeensa gogaa isaa irra jiru gorora isaatiin jiisee, akka rifeensi isaa itti maxxanu godha. haala kanaan jireenya isaa  itti fufsiisa.

‘Opossum’ Marga, firiiwwanii fi baala mukkeenii Akkasumas ilbiisota,  sanyii hantuutaa, bofa, simbirrootaa fi hosiftoota xixiqqoos adamsee soorata.

Ofiisaa garuu uumama haala salphaan adasamu miti. Bineelda Abshaalummaa qabu,qalbiin isaa osoo irraa fayyadaman ta’ee isarraa darbitee kan biroofu taati nama jechisiisa. 

Diina isaa adda baasee beeka,Bineelda raqa hin nyaanneefi kan waanuma argate hunda ofitti guuree sooratus adda baasee hubata.

Bineeldonni hedduun waan du’e sooratuu hin fedhan. diinni itti dhufe bineensa raqa hin nyaanne yoo ta’e, raqa fakkaatee ciisa.

Bineensi adamsuuf dhufes raqa du’e jedhee dhiisee bira darba.

 Diinni itti dhufe bineensa waa hunda nyaatu yoo ta’e ammoo, eeboo uumamaan badhaafame ilkaan isaa 50’n gadi luqqifatee humna isaa cimsachuun cininee ofirraa faccisa.

Bineeldi kun raqa fakkaatee ciisa yoo jedhamu waan daqiiqaa muraasaa hin se’inaa, Yoo diinni biraa deemuu dide haga sa’aatii 6 osoo hin socho’iin gogee ciisuuf dandeettii addaa qaba abboo.

Funyaan isaa foolii waa funfachuu irratti jabaadha.

Diinni biraa deemuufi deemuu dhabuu adda baafachuuf ijaan laaluun dirqamaa miti, Funyaan isaatiin fuunfatee bakka diinni jiru beeka.

Bineeldi hundi yoo harganu garaan isaa ni socho’a.

Diinni  isaa kun garaa isaa laalee akka inni lubbuun jiru akkamitti adda baafachuu dadhaba jechuu dandeettu? Kun badhaasa addaa ‘Opossum’ badhaafame keessayi.

Bineensi kun wayita raqa of fakkeessee gogee ciisu, qaama isaa irraa wanti socho’u tokkollee hin jiru.

 Garaan isaatis hin socho’u. Sombi isaa mala addaatiin osoo garaa isaa hin sochoosiin dalagaa isaa itti fufa. ajaa’iba rabbiiti.   

Waan  ajaa’iba Dhaltuun ‘Opossum’ yeroo dhaltu ilmoon hanga kinniisa geetti. Baay’inni ilmoolee dhaltu haga 20  ta’uu danda’a.

 Ilmoon dhaltes korojoo garaa jala qabdu sana keessatti naqxee achi keessatti guddifti.

Haa ta’u malee hundi isaanii bakka yaadan gahuu dhabuu malu.

Korojoo keessaas guyyaa 67 turu. Kana booda ‘Opossum’ ta’anii gara addunyaatti makamu.

Gaafa guyyaa 75 guutan, soorata jajjabaa olii gad deemanii sooratu.

Garuu haadha biraa hin fagaatan. haati yeroo olii gadi deemtu hundaa ilmoolee isii kanniin dugdarratti baadhatti.

‘Opossum’ waan ajaa’ibaa kan birootis ni qaba.  Bineesnsi kun akka bineesoota hedduu baay’ee hin dhukkubsatu, Qaamni isaa Baakteeriyaafi  vaayirasii hedduu ofirraa ittisuu danda’a.

 Summii bofaafi ilbiisota hammeenyaan beekamaniifis hin jilbeenfatu.

Inumaayyuu ni soorata waan ta’eef  Qaamni isaa summii bofaatiifi dantaa hin qabu. Wanti nama gaddisiisummoo ‘Opossum’  jireenyisaa lafarraa baatii 24-48  ykn waggaa 2-4 qofa jiraachuusaati. Umurii xiqqoo jiraatu garuummoo utuu miidhamaafi hin saaxilamiin dhandhamanchuunsaas ajab nama jechisiisa.  

Madiinaa Daddafootu  Wildlife Habitat Council & Urban Jingle Wildlife irraa odeeffachuun qindeessite.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version