Home Aadaa Dinqisiisoo Barataa qormaata cimdii injifate.

Barataa qormaata cimdii injifate.

0

“Dhibeen natti jabaachuun Siree daree qormaataa keessa naaf galfamerra ciisee qoramee qabxiin gaafa deebi’u miira walmakaa natti uume” Barataa Aluddiin Huseen.

‘OBN Cyber Media’ Fulbaana 08,2018

Barataa Aluddiin Huseen qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 dhukkubsachuun Sireerra ciisee qoramuun qabxii 472 galmeessuu wayita arge miira lakkuu keessa galuu OBN’tti hime.

Barataa Aluddiin Huseen Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo Ganda Geejjootti dhalate.

Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Sigimootti barachuun Sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Beddelleetti Saayinsii Hawaasaa barachuuf carroome.

Ta’us qormaata Kutaa 12ffaa bara 2017 fudhachuuf guyyaan lama yeroo hafutti dhukkuba mar’imaan furdaarratti mudattu kan afaan Inglishiin “appendix” jedhamtuun qabamuusaa Manni Yaalaa itti hime.

Qoricha fudhatus itti wayyaa’uu dide.

Guyyaan qormaataas geenyaan gaafa jalqabaa Afaan Ingilishii qoramaa osoo jiruu dhukkubni itti hammachuun hanga gaaffii shanii hin xumuriin hafuu yaadata.

Dhukkubni natti hammatus xiyyeeffannoonkoo qormaatarra ture kan jedhe Aluddiin, adadumaan dhibeen itti jabaachuun Sireen daree qormaataa keessa galfameefii ciisee karaa “Online” qoramuu dubbate.

Akkuma Warqeen ibiddaan qoramtee bareedu, Aluddinis qormaata lakkuu keessa darbee gaafa firiisaa argu miira dhukkubbii yeroo qormaataafi gammachuu miilanaa walfaana keessummeessuun seenaa jireenyasaa keessatti kan hin dagatamne ta’uu hime.

Aluddiin miira xiiqiifi dhukkubbiin qoramee qabxii 472 galmeessuun milkaa’uutti gammadeera; namoota isa waliin dhama’aa turanis galateeffateera.

Qabxii Aluddiin Saayinsii Hawaasaatiin galmeesses Ikonoomiksii 92, Ji’oograafii 84, Seenaa 83,Herrega 75, Aptiitiyuudii 70 akkasumas A/Inglishii 68 walumatti 472 fiduun milkaa’eera.

Aluddiin Huseen, fuuldurattis cichee barachuun ogummaa gonfatee biyyasaa gargaaruuf kutannoo qabaachuu hime.

Abdii Rabbumaatu gabaase.

#exam#result#education#OBN

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version