Bara 2017 oomishtummaan aannanii harka 172’n guddate jedhe, Biiroon Qonnaa Oromiyaa

Date:

Naannoo Oromiyaatti Omishtuummaan misooma beeyladaa akka guddatuuf xiyeeffannaa jabaa mootummaa ture.

Aannan elmamee qabee akka guutu, jabbileen dhalattee goorannoo keessa akka burraaqaxu ,kormi goobee irbaata akka ta’u andaaqqoon kaakiftee killeen gabaa akka quubsuufi haroowwaan uumamaafi nam-tochees gurxummii akka horan gochuu dabalatee oomishtuummaan misooma beeyladaa akka guddatuuf mootummaan naannoo Oromiyaa carraa jiru hundaan carraaqaa ture ammas itti jira.

Dargaggoonni, magaalaa keessatti waldaan gurmaa’anii, qonnaa bulaan ooyiruu isaa irratti, waldaaleen hoji gamtaafi dhaabbileen invetimantiis hojii idilee isaaniin cinaatti misooma beeyladaa kana irratti hirmaataa jiru.

Akka ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa irraa argannetti yeroo ammaa qonnaan bulaan kottee horii lakkaa’uu irraa gara bu’aa isaa lakkaa’uutti ce’eera.

Oomistummaa aannanii guddisuuf hojii hojjetameen bara 2017 aannan liitira biiiliyoona 4fi miiliyoona 600 oomishameera.

Milkaa’ina kanaafis fayyummaa loonii eeguun cinaatti loon sanyii biyya keessaa gara loon sanyii fooyyaa’aatti jijiiruun, loon sanyii fooyya’aas kunuunsa gaarii argachuun oomishtummaan aannanii akka dabale Hoogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaafi ittigaafatamaan damee beeyladaa Oromiyaa obbo Toleeraa Dabalaa himan.

Bara 2017 akka naannoo Oromiyaatti koromiin nyaatanii, furdatanii irbaataaf qophaa’an miiliyoona 8 gabaaf dhiyaataniiru kan jedhan obbo Toleeraan, kan foon diimaa murachuu barbaduu  akka garaa isaatti muratee kan gabbise immoo carraa hojii argataatee  maallaqa godhateera jedhan. Kun oomishtuummaa foon diimaa guddisuuf hojii hojetameen ta’ullee himan obbo Toleeraan.

Andaaqqoon Kaakkiftee Anqaaquu Biiliyoona 5 anqaaxeetti jedhan.

Dargaggoonni guddisanii akka gurgarataniif  immoo cuucii guyyaa tokkoo miiliyoona 100 oomishamniiru jedhan obbo Toleeraan.

Jireenyaa Yaadataatu gabaase

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...