Home Biizinasii Baayyinni Uummataa bu’aamoo ba’aadha?

Baayyinni Uummataa bu’aamoo ba’aadha?

0

‘OBN Cyber Media’ Mudde 25,2017-Dargaggoonni magaalaa Holataatti hojii indaastirii Oomishaafi kalaqaa irratti hirmaatan nutti biyyaaf ba’aa osoo hin taane hojjennee bu’aa biyyaa ta’aa jirra jedhan.

Haayyuun Interpireenarshiipii Dr Tasfaayee Eebbaa gumaachi tokko tokko lammiilee hundaatu waliitti ida’amee oomisha waliigalaa ta’a jedhan.

Hariiroo Baay’inni ummataafi guddinni diinagdee waliin walqabtee Hayyoota bira yaadota falmisiisoo lamatu jiru.

Qorataafi Hayyuun diinagdee lammii Biriiten Thomas Malthus  baay’inni ummata biyyaaf ba’aadha jedhan.  

Inumatuu Baay’inni ummataa garmalee dhukkuba daddarbaa, beelaafi wal waraansa umuu danda’a jechuun falma.  Akka yaada Thomas Malthus’tti biyyoonni guddinna ariifataa fiduuf  baay’ina ummaata xiqqessuun tekinooloojiiwwaan oomistummaa dabalan irratti xiyyeeffachuu qabu.  

Hayyuun diinagdee biyya Firaansi Toomaas Piikeetii jedhamu immoo guddinni dinagdee gumaacha tokko tokkoo baay’ina uummataa waliin wal qixa: Kanaafuu baay’inni uummataa guddina diinagdee biyyaaf murteessaadha jechuun yaada isaa dhiyeessa.

Guddinni diinagdee addunyaayyuu gumaacha tokkoo tokkoo lammiileen addunyaa iraa dhufaa jedha, Toomaas Piikeetii

haala qabatamaa addunyaa amma jiruun  yoo ilaalle ammoo,  biyyoonni ummata baay’ee qabatanii  hiyyeeyyii ta’an akkuma jiran, baay’ina ummataa biiliyoonaan lakka’amu qabatanii diinagdee addunyaa dursaa kanneen jiran Chaayinaafi Indiyaa yoo ilaalle qabiinsaafi itti fayyadamni isaa yoo tole humna namaa diinagdeef bu’aa malee ba’aa akka hin taane ragaadha.

Diinagdeen Chaayinaafi Indiyaa guddaa qofa osoo hin ta’iin saffisaanis fuulduratti deemaa jira.

Indiyaan baay’ina uummataa biiliyoona 1fi miiliyoona 400 ol qabdi:Kana keessaa ummanni miiliyoona 951 harki 68 humna hojiitti.Ummata biyyattii keessaa harki 59 hojjettoota ooguummaa qaban.

Baay’inni  uumattaa Indiyaa oomisha biyyattitti oomishamuuf gabaa guddaa dha.

Lammiileen biyyattiis bakka deeman hundatti oomisha biyya isaanii ofii fayyadamuu akkasumas  beeksisuun Ambaasaddar oomisha biyyasaanii ta’anii  carraa gabaa baldhisu.Itoophiyaanis biyyoota  ummata baay’ee qaban keessaayi.

Haata’uutii akka muuxannoon addunyaa agarsiisuttis Humni Namaa jiraachuun qofti gahaa miti. Humna Ogummaan gahoome ta’uu qaba. Magaalaa Holataatti Dargaggoota ogummaa horatanii diinagdee keessattis hirmaataa jiran keessaa warren OBN dubbise ogummaan horachuun ofirra dabarree abdii biyyaa akka taanuuf nu gargaare jedhan.

Dhiima kana irratti kan dubbifne Hayyuu Diinagdee Dr Tasfaayee Eebbaa Oomishuufis carraa gabaa baldhaa argachuufis baay’inni uummata bu’aa dha jedhan.

Gumaachi tokkoo tokkoo dhala namaa walitti ida’amee oomisha waliigala ta’a kan jedhan, Dr Tasfaayeen ,Itoophiyaanis baay’ina uummata ishee oggumma hojii gabaan addunyaa barbaaduun ga’oomsuun muuxannoo Chaayinaafi Idaayaan baay’ina ummataa isaaniirra fayyadaman Itoophiyaafis waan hin hojjanneef hin qabu   jedhan.

Namni  baa’achuun humna hojjetaa guddaafi humna namaa oomishu salphaatti akka argatan gochuu danda’a. Humni namaa waa baay’een humna oomishaa akka ta’uu ogummaan ga’oomsuuti fala.Jireenyaa Yaadataatu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version