Home Oduu Baankonni biyyoota Alaa Itiyoophiyaatti banamuun carraawwan fidanii dhufan keessaa; ija hayyootaan.

Baankonni biyyoota Alaa Itiyoophiyaatti banamuun carraawwan fidanii dhufan keessaa; ija hayyootaan.

0

Baankonni Biyya Alaa maal fidanii Itiyoophiyaa dhufu?

Dhimma kana ilaalchisuun Hayyoonni maal jedhu?

Itiyoophiyaan balbala diinagdee ishee dhaabbilee alaatiif banaa goote keessaa tokko baankonni  biyyoota  alaa garana  dhufanii damee baankii akka banatan gochuudha.

Baankonni biyya alaa Itiyoophiyaa keessa yoo dhufan biyyattiif maal buusu jennee Hayyoota diinagdee gaafanne.

Yaadni ogeeyyiin  Diinagdee Dr. Tasfaayee Eebbaa fi gorsaa dhaabbilee biizinasii obbo Asfaawuu Mul’ataa dhimmicharratti kennan kunooti 

 Baankonni   biyya alaa harka duwwaa akka  hin dhufne eeruu

Wantoonni isaan qabatanii dhufanis jedhu.

1.Sharafa Alaa  

sochiin diinagdee biyya kanaa kan inni ittiin danqamaa ture keessaa tokko rakkoo hanqina sharafa alaati,rakkoon kun riifoormii diinagdeen furamaa jira ta’us ammallee fedhiin jiru guddaadha. baankonni biyya alaas sharafa alaa fidanii Itiyoophiyaa dhufu jedhu.

2.Teekinoloojii  

‘Addunyaa dorgommii diinagdee dijiitaalaa keessa waan jirtuuf tekinoloojii dhiyeessii tajaajila dhiyeessii, kan uummanni haala salphaan itti tajaajilamu fidanii dhufu jedhamee eegama’.

3.  Investimentii kallattii alaa   

Baankonni biyya alaa dureeyyii yookaan maamila isaanii fidanii dhufuu waan malaniif    sochii Itiyoophiyaan Investimentii kallattii alaa hawwachuuf hojjetaa jirtullee ni tumsa.

4. Dandeettii Hooggansa Baankii Fidaanii Dhufu

Dandeettii  tekinoloojii,hojimaataafi tajaajila baankii ittiin hoogganan muuxannoo fidanii dhufu.barnootaaf beekumsa qaban fudhatanii dhufu.

Kunneen  baankota biyya kana keessafillee carraadha muuxannoos irra qooddatu.

5.Carraa  hojii bal’aa lammileef uumu.

Baankota Biyya Keessaafillee Carraadha Jedhu Hayyoonni Kunneen

  • Dorgommiif jecha teekinoloojii jajjabaa akka hidhatan godha.
  • Tajaajila  faayinaasii hedduu irratti akka hirmaatan.
  • Dhiyeessii  faayinaasii isaanii  baadiyyaatti babal’isuu danda’u.  
  • Baankota gidduutti dorgommii cimaa uumuu jedhan hayyoonni kunneen  

Jireenyaa Yaadataatiin  

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version