Ambaasaaddar Reediwaan Huseen dhaamsa Ministira Muummmee Dr. Abiyyi Ahmedirraa ergame Pirezidaantota biyyoota Keeniyaafi Yugaandaan ga’an

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 11,2017-Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa Ambaassadar Reedwaan Huseen ergaa Ministira Muummmee Dr. Abiyyirraa ergame Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi Pirezidaantii Yugaandaa Yuuweerii Museeveniin gahan.

Itiyoophiyaan ollummaafi michummaa biyyoota lachuus ta’e qaxanaa Afriikaa bahaa jabeessuuf kutannoo qabaachuufi ulaa galaanaa argachuufis gaaffiin dhiyeessite fudhatama qabaachuusaaf hubannoo dureewwan Keeniyaafi Yugaandaa qaban, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi dinqisiifachuusaanii ambaasaaddar Reedwaan lamaansaaiif ibsaniiru.

Dureewwan biyyoota lamaaniis hojii Itiyoophiyaan gaaddisa Gamtaa Afriikaafi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti hojjettu dabalatee tattaaffii hoggansa Ministira Muumuu Dr.Abiyyi Ahmediin nageenya Somaaliyaafi biyyoota biroo eegsisuuf gumaachaa jirtu jajaniiru.Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaarraa odeeffanne.